Sirni Mootummaa Bilxiginnaa Yakka Tokko Malee Hoggaanota ABO Mana Hidhaatti Ugguree Jiru Haal-duree Tokko Malee Gadhiisuu Qaba.
Ibsa ABO – Adoleessa 26,2022
Adda Bilisummaa Oromoo fi Hoggana isaa irratti kan raawwatamaa jiru suukanneessaa dha.
Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba seeraan galmaa’ee socho’aa jiruu dha; haa ta’u malee, hirmaatnaa siyaasaa biyya kanaa irraa hogganootaa fi qabsaawota akka waliigalaatti ammoo dhaabicha danquun daandii qajeelaa osoo hin taane daandii badiisaa ti jennee amanna. Hogganoota, qondaalotaa fi miseensota keenya yakka takkaan maleetti hidhaa keessatti itti taphachuun maatii qabsaawotaa, fira, ummata bal’aa fi biyyaattii gara hin barbaachisnetti geessa. Hogganooti dhaaba keenyaa olaanoo fi qoondaloti siyaasaa olaanoo waggootaaf mana hidhaa idilee fi al-idilee keessatti mootummaa abba irree Bilxiginnaan hiraara keessaa jiru.
Seeraan alaa hidhaa keessa jiraachuu isaanii qaamotni garagaraa kan akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itophiyaa, Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itophiyaa, Manneen Murtii kan sadarkaa adda addaa fi kkf yeroo garagaraatti ibsa baasaniin yakka irraa bilisa ta’uu isaanii mirkaneessuun gadhiifamuu akka qaban ajaja kennaa turan; har’as itti jiran.
Akka seeraatti dirqamni poolisii seera kabajee kabajsiisuu fi nageenya lammiilee tiksuu dha. Faallaa isaa garuu golgaa seera eeguutiin nageenya wayta booressuu fi irra deddeebiin yeroo seera cabsu argaa jirra. Manni Murtii irra deddeebiin poolisiin hogganoota ABO hidhaa jiran maaliif hidhanii akka jiran mana murtiitti dhihaatanii deebii akka kennan ajaju illee, ajaja mana murtii kabajaa fi fudhataa hin jiran. Akkasumas Manni Murtii hoggantoota kanneen Dhaddachatti dhiheessaa jedhee yeroo garagaraatti ajaja kennus hin dhiheessin hafuu isaanii dhimma jala buunee hordofaa turree dha.
Bu’uuruma kanaan Wixata darbe gaafa Adoolessa 18,2022 oolmaa Dhaddachaa Mana Murtii Ona Buraayyuutti ooleen, Bilisummaan Qaamaa hogganoota dhaaba keenya ABO hidhaa jiranii guutuutti eegamee akka hidhaa irraa ba’aniif Manni Murtii Dhaddacha guyyaa kana ooleen bakka isaan hin jirretti kennee jira. Haa ta’u malee, sababa adda addaa funaanuun Abbootiin Seeraa Dhaddacha kana irratti murtii dabarsan, murtii barreeffamaan osoo hin kennin maatii hidhamtootaa fi abukaattota isaanii akka isaan nuffanii dhiisaniif hanga gaafa Adoolessa 21,2022tti tursanii dhuma irratti waraqaa kennan. Guyyaa afur booda Murtiin Mana Murtii barreeffaman poolisa dhaqqabus poolisiin murtii kana kabajuu diduun hogganootnii fi qondaalotni ABO ajaja mootummaa Bilxiginnaatiin hidhaatii akka hin baane ta’ee jira.
Hogganootnii fi Qondaalotni ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman Miseensa SHG-ABO J/Abdii Raggaasaa, dhuma baatii Amajjii bara 2019 kan hidhame, Miseensa SHG-ABO J/Mikaa’el Booranii fi Miseensa GS-ABO J/Kennasaa Ayyaanaa, Waxabajjii 30,2020 mana jireenyaa isaanii keessaa kan waliin qabaman, J/Dr.Gadaa Oljirraa Itti gaafatamaa Waajjira ABO Gullallee Mudde 20,2020 mana jireenyaa isaa keessaa kan qabame, J/Daawit Abdataa fi J/Lammii Beenyaa Adoolessa 12,2020 kan hidhaman, akkasumas J/Gadaa Gabbisaa Bitootessa 19,2021 kan hidhaman hanga har’aatti murtii mana murtii malee murna PPn hidhaa keessatti ittisamanii jiru.
Qaamni aangoo of harkaa qabu caasaalee mootummaa dhuunfatee jirutti dhimma ba’ee gara jabeenyummaa daangaa darbeen, soba ofii dhugaa fakkeeffachuuf himata dharaa hedduu tolchee dhiheeffataa bahus dhimmi hogganootaa fi qondaalota keenyaa seeraan qulqullaa’ee bilisa ta’anis ammallee hidhaatti waan hambifamaniif jaarmiyaaleen mirgoota dhala namaaf falman kan naannoo fi Addunyaa akkasumas Hawaasni Addunyaa mootummaa Bilxiginnaa seeraaf hin abboomamne irratti karaa danda’ameefiin dhiibbaa akka godhan gaafanna. Addatti ummatni keenya keessaa fi alatti argamu hogganoota isaa umrii isaanii qabsoo kanaaf laatanii fi qabsoo kana malees homaatuu hin qabne kanaaf sagalee ta’uun akka isaan hidhaa irraa ba’aniif karaa danda’amu hundaan dhiibbaa akka godhan jabeessinee gaafanna.
Dhuma irratti ABOn seerrii fi heerri haa kabajamu,a keenya dabalatee hidhamtootni siyaasaa hundi haal-duree tokko malee akka hiikaman yaamicha dabarsa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 26,2022
Finfinnee, Oromiyaa