Waldaan Barreessitoota Oromiyaa Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaa jira
(SQ-Adoolessa 27,2022)
Waldaan Barreessitoota Oromiyaa Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa ilaalchisee, Hoteela Internaashinaalii Ilillii keessatti guyyaa har’aa miidiyaaleef ibsa kennuurratti argama.
Waldichi badhaasa ogbarruu akka biyyattiitti kan jalqabaa ta’e, Maqaa “Badhaasa Gaaddisaa” jedhamuun qopheesseera.
Badhaasa kanarratti gosootni ogbarruu hundi ni badhaafamu.
– walaloo
– Asoosama (dheeraa fi gabaabaa)
– Diraamaa
– Wallee /Lyrics fi iskiriiptii fiilmiifaa of keessaatti kan qabateedha.
Badhaasni guddaan kun badhaasa maallaqaa fi Geephaa of keessaa kan qabu yoo ta’u, Sirni badhaasa kanaas dhuma baatii kanaa Hoteela Iliilii Internaashinaaliitti Adoolessa 23/ 2014 kan gaggeeffamu ta’uun isaas ibsameera.
Barreessaan Gameessi Gaaddiisaa Birruu Hundee Og-barruu Oromoof nama bu’uura jalqabaa ta’aniidha.Kanuma hordofee Waldaan Barreessitoota Oromiyaa badhaasicha maqaa isaaniitiin moggaasuu isaa ibsuun isaa kan yaadatamuudha.