Naannoo Oromiyaatti Namoota Mana Murtiin Bilisa Bahan Hidhaa Keessa Tursuun Baratamaa Dhufeera jedhe Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa.
(SQ-Hagayya 2,2022)
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) bara 2014 ALItti manneen hidhaa 126 fi buufataalee Poolisii 27 jiran keessatti hordoffii gaggeesseen hojiiwwan qajeeltoo fi rakkoowwan adda baasuu hojjechuu ibsa kaleessa Hagayya 1,2022 baaseen beeksisee jira.
Rakkoowwan adda dureen mul’atan keessaa tokko namootni haala yeroo fi namootni naannoof haaraa ta’an jedhamanii hidhaman galmee shakkamtootaa irratti galmaahuu dhabuu sana hordofees mana murtiitti yeroo seeraan daangaffametti hin dhiyaatan ykn gonkumayyuu hin dhiyaatan. Kana malees namootni haala armaan olitti eerameen hidhaman maaliif akka hidhaman itti hin himamus jedhe Komishiniichi.
Iddoowwan rakkoon nageenyaa jirutti adeemsa seeraan ala qaamoleen bulchiinsa fi “Mana Maree Nageenyaa” namoota hidhaman murteessuun rakkoolee mul’atan keessa isa tokko.
Namootni mana murtiitin bilisa ba’an, kan galmeen qorannoo isaanii cufame ykn mirgi wabii eegameefi mana murtiin hiikaman hidhaa keessa tursuun naannoo Oromiyaatti baratamaa dhufeeras jedhe Komishinii Mirga Namoomaa Itophiyaa.
Oromiyaatti namoonni yakka hojjatan yeroo dhabaman bakka bu’ummaan maatii isaanii hidhuunis bal’inaan mul’ata. Namootni buufataalee Poolisii hedduu keessatti hidhamanii jiran yakka ittiin shakkaman akka amananiif ni reebamu kan jedhe Komishiniichi. Hanqina baajataa irraa kan ka’e hidhamtootni nyaata, bishaanifi tajaajila gahaa hin argatan. Namootni maatii irraa fagaatanii hidhaman rakkoo hamaaf saaxilamaniirus jedha.
Caamsaa darbe Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa qorannoo dhimma hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) qajeelcha poolisii Oromiyaa garagaraa keessatti hidhamanii jiran irratti godhaa ture ifa godheera. Gabaasichi hoggantoota fi miseensota ABO heddu “seeraan ala hidhamanii akka jiran” mirkaneesseera. Gabaasni KMNI kun, ABOn irra deddeebiin hoggantootni isaa akka hiikaman gaafachuu fi yeroo hidhaa irra jiran poolisootaan dararaan akka irra gahee mirkaneesseera jechuun isaa ni yaadatama.