Jaarmiyaan Mirga Gaazexeessitootaaf falmu CPJn Sadaasa bara 2020 irraa jalqabee Itoophiyaa keessatti gaazexeessitoonni fi hojjattoonni miidiyaa 63 hidhamanii jiru jedhe.

Jaarmiyaan Mirga Gaazexeessitootaaf falmu CPJn Sadaasa bara 2020 irraa jalqabee Itoophiyaa keessatti gaazexeessitoonni fi hojjattoonni miidiyaa 63 hidhamanii jiru jedhe.

(SQ-Hagayya 2,2022)

Wal waraansi biyya gaanfa Afrikaa Itoophiyaa keessatti baatii 21f adeemsifamaa jiru walabummaa pireesii ukkaamsee jira kan jedhu CPJn, akka qorannoon mulโ€™isutti Itoophiyaan biyyoota sahaaraa gadii keessaa Ertiratti aantee ukkaamsa miidiyaatiin 2ffaadha jedhe.

Hidhaan hanga ammaa galmeeffame magaalaa guddoo biyyattii Finfinnee, Oromiyaa, Amaaraa, Affaar, Somaalee fi naannoo Tigraay keessatti akka taโ€™e Jaarmiyaan Mirga Gaazexeessitootaaf falmu CPJn addeessee jira.

CPJn dhimma gaazexeessitoota ajjeefamaniis qorataa jiraachuu itti fufee ibse.

Angawoonni sadarkaa federaalaa fi naannoo gaazexeessitoota gabaasa isaaniif hidhuu dhaabuu qabu kan jedhe CPJn, haleellaa hojjattoota miidiyaa irratti raawwatamu mootummaan ittisuu fi kanneen yakka raawwataniif itti gaafatamummaan akka jiraatuuf waamicha taasise.

Itti dabaluunis uggurri telekominikeeshiinii dhaabbachuun gaazexeessitoonni dhimma waraanaas dhimmoota biroo Itoophiyaa keessatti gabaasuuf isaan barbaachisu bilisaan akka gabaasan hayyamamuufi qaba jedhee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *