Ministir deetaan ministeera nageenyaa obbo Taayyee Danda’aa Gujiitti beelli nama heddu fixee jedhan.
(SQ-Hagayya 3,2022)
Minister deetaan ministeera nageenyaa obbo Taayyee Danda’aa Areedoo Gujiitti Beelli nama hedduu fixe jedhan.
Bulchaan godina Gujii obbo Taaddalaa Uddoo immoo maqa balleessiitu godina keenya rratti adeemaa jira malee beelli nama ajjeese hin jiru jedhan.
Obbo Taayyeen Danda’aa jiraattota aanaa Liiban beelaan dhumanis maqaa tarreessaniiru.
Jiraattonni godina Gujii aanaalee garaagaraa beela hamaatu harkaa nu qabaa jechuun himatu.
Godina Gujiitti jiraattonnii fi bulchiinsi aanaa Sabbaa Booruu sababa beelaatiin lubbuun namaa darbaa jiraachuu miidiyaalee adda addaatti himaa turaniiru.
Jiraattonni naannichaa namoonni 20 caalaan lubbuun darbuu wayita himan, bulchiinsi aanaa Sabbaa Boruu immoo namoonni 12 lubbuun darbuu quba akka qabu beeksisee ture.
Jiraattonni haadha beelaan duute ganama daa’mti otoo harma haadha duute hootuu arginee rifanne wayita jedhan, bulchiinsi aanichaas kanuma mirkaneessee ture.
Godina Gujiitti jiraattonnii fi bulchiinsi aanaa Sabbaa Booruu sababa beelaatiin lubbuun namaa darbaa jiraachuu himanis, dabballoonni mootummaa Naannoo Oromiyaa sadarkaa naannoofi godinaarra jiran dhimmicha jabeessanii haalaa jiru.
Bulchaan godina Gujii obbo Taaddalaa Uddoo, beela godina Gujii keessatti mul’ate ilaalchisuun yaada OBN’f kennaniin, maqa balleessiitu godina keenya irratti adeemaa jira malee beelli nama ajjeese hin qabu jechuun dhimmicha haalan.
Hoogganaan buusaa gonofaa Oromiyaa Obbo Muusxafaa Kadir gama isaaniitiin OBN waliin haasaa taasisaniin, yaada wal faallessaa dubbachuun bakka tokkotti godinaalee 8 keessatti rakkoo beelaa mudateen namoonni miidhaa hammaataaf saaxilamaa jiraachuu yoo ibsan, bakka biraatti ammoo miidhaan qaqqabe akka odeeffamu sadarkaa yaaddoorra hin geenye jedhan.
Ministir deetaan ministeera nageenyaa obbo Taayyee Danda’aa immoo Gujiitti beelli nama heddu fixuusaa ibsanii, mootummaan naannichaa dhugaa kana dhoksaa jira jechuun qeeqan.
Ministir deetaan ministeera nagaa obbo Taayyee Danda’aa dabballoonni mootummaa naannichaa gadadoo uummanni keessa jiru dhoksuuf yaalaa jiru ittiin jedhan.
Dhimmi beelaa xiyyeeffannoo akka dhabuuf gareen mootummaa mandheeffatee hojjechaa jiru akka jiru barreeffama gabaabaa fuula Facebook isaanii irratti barreessaniin ibsan.
Silaa sabaaf otoo naatoon jiraatee hardha ajandaan kana dursu hin jiraatu ture kan jedhan obbo Taayyeen, iyyanii addunyaa gargaarsa kadhachuun dirqama akka ture dubbatan.
“Garuu ogeeyyiin shiraa isa dhiisee koflaa-taphatti oole!” jechuun aangawoota mootummaa cimsanii qeeqaniiti jiru.
Obbo Taayyee Danda’aa barreeffama gabaabaa Facebook isaanii irratti barreessaniin, gareen mootummaa keessa maandheeffachuun beela uummataatti qoosuufi gabaasa sobaa dhiheessuun miidhama uummataatti qoosu jiraachuu akeekuun, jiraattota aanaa Liiban beelaan dhumanis maqaa tarreessaniiru.
Beelaan kan lubbuun darbe aanaa Sabbaa Boruu qofatti miti kan jedhan obbo Taayyeen, aanaa Liiban ganda Laga Guulaattis namoonni maqaan isaanii Qalloo Dooyyoo Garbichaa, Biiftuu Kiyyaa Gabaaboo, Xandhee Mahaammad Guyyoo, Boruu Godaanaa Jaldeessaa, Hasan Waariyoo Guyyoo, Alii Dhaddacha Jaatanii fi Nasiboo Kataanbala Murquu faa beelaan dhumanii jedhan.
Beelli kun aanaalee biroo keessas akka jiru Ministir deetaan ministeera nagaa obbo Taayyee Danda’aa kan himani jiru.