Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo keessatti Hidhaan jabaatee itti fufee jira.
(SQ-Hagayya 13,2022)
Godina Horroo Gudurruu Wallaggaa Aanaa Horroo Gandoota akka Abee Dullachaa fi Gitiloo keessatti Waraanni Mootummaa Bilxiginnaa Namoota Nagaa siyaasa kan keessattiQooda hin qabne Ijoolleen keessan Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jirti jechuun Maatii Qotee bulaa mana isaaniitii ukkaamsuun mana hidhaatti darbatan.Garii isaanii immoo isin Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun Namoota Hojii humnaa hojjetanii jiraatan walitti qabuun mana hidhaa waajjira poolisii Aanaa Horroo keessatti dararaa jiraachuu maddeen keenya nuuf himan. Akka maddi keenyi achii nuuf himetti waraannii Mootummaa uummata nagaa daandii irraa walitti qabee hidhaa jiraachuu fi kaan immoo bakka buutee isaanii dhabamsiisaa jiraachuu hime.
Maqaan Namoota mana hidhaatti dararamaa jirani keessaa kan arganne.
1.Geetuu Yaadataa Waaqjiraa
2.Bojaa Giddumaa
3.Lammeessaa Taaddasaa (Siqoo)
4.Dastaa Fiqaaduu Hordofaa
5.waaqjiraa Abarraa (Gishuu)
6.Qansii Abdiisaa
7.Badhaasaa Raggasaa (Abbaa warraa Qansii).
Namoonni maqaan isaanii asii olitti Tarraa’e kun Qonnaan Bultootaa maatii isaanii jiraachisanii fi Hojii dhuunfaa isaanii hojjetanii qonna malee kan jiraatanidha.Kana malees, Namni maqaan isaa #Badhaasaa Raggasaa jedhamu Qaama miidhamaa miilli isaa lamaan kan hin dalagnee yoo ta’u manuma isaa deemuun waraanni bilxiginnaa qabanii konkolaata isaaniin fuudhanii wajjira poolisii Aanaa Horroo keessatti akka Dararaa jiranidha.Dabalataanis yeroo Namoonni kun Qabaman Waraanni Bilxiginnaa mana isaanii sakatta’uun maallaqaa maatiin kun qabu saamuun deeman. Ittuma fufuun maddi keenyi achii Namoonni Hidhamanii maqaan isaanii adda hin baane hedduun jiraachuu nuuf hime.