Oromiyaa bakkoota adda addatti Waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 5 ajjeesse.

Oromiyaa bakkoota adda addatti Waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 5 ajjeesse.

(SQ-Hagayya 23,2022)

Waraanni faashistii Bilxiginnaa ajjeechaa suukanneessaa guyyaa guyyaan ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa kan jirrudha.

Haaluma kanaan Waraanni faashistii Bilxiginnaa Hagayya 18/2022 Godina Wallagga Lixaa Aanaa Laaloo Assaabii ganda Abboonnoo Jedhamu keessatti dargaggoota 2 maqaan isaanii, Lataa Abbayyaa fi Fedhasaa Badhaasaa jedhaman badii tokko malee rasaasaan ajjeesan jedhu maddeen SQ.

Ittuma fufuudhaan Hagayya 20/2022 Waraannii pp Ganda Jaarsoo Daamotaa jedhamu keessatti Dargaggoo Biqilaa Waaqgaarii jedhamu erga ajjeesaniin booda reeffasaa bineensa nyaachisuu maddeen keenya nuuf himanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun maqaa sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun kan bobbaafaman waraanni faashistii Bilxiginnaa hagayya 18/2022 Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Yeettii jedhamutti Dargaggoo Musxafaa Qannoo Shibaruu jedhamuu rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen SQtti himan.

Oduuma wal fakkaatuun Waraanni faashistii Bilxiginnaa hagayya 19/2022 Godina Shawaa kibba lixaa aanaa Ammayyaatti Dargaggoo Tafarraa Mi’eessaa jedhamu, wayita inni maatii isaa dubbisuuf gara magaalaa Gindoo deemutti maatii isaa biraa qabuudhaan badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu maddeen keenya.

Dargaggoonni waraana faashistii Bilxiginnaatiin ajjeefaman kunneen namoota siyaasa keessaa qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallattamummaa guddaa qabanidha kan jedhan maddeen, badii qabaatanii osoo hin taane maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhu itti maxxansuun ajjeesanis jedhu.

Mootummaan Bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *