Shawaa Lixaa aanaa Ambootti waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa ajjeese.

(SQ-Hagayya 24,2022)

Hagayya 20/2022 tarkanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo aanaa Ambootti waraana Bilxiginnaa irratti fudhatee hordofuun waraanni Bilxiginnaa uummata nagaa ajjeessa jiraachuu maddeen SQtti himan.

Haaluma kanaan Waraanni Bilxiginnaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Qulliitti Shamarree Alamituu Tarreessaa Jedhamtu Rasaasaan yoo madeessu, Ganda Doobbi jedhamutti ammoo dargaggoo Araarsaa Olii jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesaan jedhu.

Dargaggoon ajjeefameefi Shamarreen madoofte kunneen namoota siyaasaa keessaa qooda hin qabnee yoo ta’an badii tokko malee waraana Bilxiginnaatiin ajjeefamus odeeffanneerra.

Oduma walfakkaatun godina Shawaa Lixaa aanaa Cobii keessatti hagayya 21/2022 bulchaan aanaa sanaa Dheeressaa Lammaa kan jedhamuu ani marfameen jira, humna kanaan Waraana Bilisummaa Oromoo of irra faccisuu hin danda’u jechuun wayita inni iyyata galfatutti, durayyuu yoom aanaa kee qulqulleessite jechuun isa aangoo irra buusuudhaan, bulchaa haaraa Atoomsaa Hirkoo yeroof bakka buusanii jiraachuu maddeen keenya gamasii nuuf gabaasan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *