Waraanni Bilxiginnaa Aartist Falmataa Kabbadaa Hidhuun dhagaham.
(SQ-Hagayya 26,2022)
Waraanni Bilxiginnaa Aartist falmataa Kabbadaa hidhuun dhaga’ame.
Mootummaan faashistii Bilxiginnaa yeroo garaa garaatti Artistoota Oromoo hidhuun dararaa kan turee fi jirudha.
Haaluma kanaan Waraanni faashistii Bilxiginnaa Hagayya 24,2022 Aartist Falmataa Kabbadaa osoo inni Waraabbii sirba Albama haaraa hojjechaa oolee gara mana isaatti osoo galaa jiruu Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo bakka Gawwaasaa jedhamutti qabuudhaan waajjira poolisii laga Xaafootti hidhee dararaa jiraachuu maddeen SQtti nuuf himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti, maatiin Aartis Falmataa Kabbadaa Maalif akka qaban waajjira poolisii Magaalaa laga Xaafoo gaafatanis, waajjirri poolisii kun sichi qoratamaa jira jechuun maatii ariyan jechuun dubbatu.
Aartist Falmataa Kabbadaa Waggaa tokko duras humnoota mootummaa Bilxiginnaatiin hidhamuudhaan Kaampii Galaanii hanga Awaash Malkaa Sa’aatti gidiraa argaa turuun kan yaadatamudha.
Mootummaan Bilxiginnaa ilmaan Oromoo qaroo sabichaa ta’aan oromummaa isaanii qofaan yakkuu jabeessee itti fufeera.