Harargee Bahaatti, Bilxiginnaan raayyaa ittisa biyyaa dirqamaan gargaaraa jechuun uummata hiraarsaa jira.
(SQ-Fulbaana 13,2022)
Mootummaan Bilxiginnaa kufaatii gama siyaasa, diingdeef Dippiloomaasiin isaa mudate keessa ba’uuf jecha kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti uummata dirqamsiisuun, raayyaa ittisa biyyaa gargaaruu qabdu jechuun uummata gidirsaa jira.
Haaluma kanaan Godina harargee Bahaa Magaalaa Gursumii fi gandoota hedduu keesaatti caasaaleen mootummaa Bilxiginnaa, Akka ganda tokkootti namni 30 dirqamaan waraana ta’uu qaba jechuun, Sangoota 15, fi qarshii 300,000 qopheessuu qabdu jechuun, uummata hiraarsaa jiraachuu maddeen SQtti himan.
Akka maddi keenya nuuf eeretti, Akka magaalaa Gursumii fi naannoo isheetti namni tokko dirqamaan qarshii 500 raayyaa ittisa biyyaaf gumaachuu qaba jechuun namoota hin gargaarre Waraanni Bilxiginnaa hidhaa jiraachuu himan.
Mootummaan Bilxiginnaa wayita qaala’iinsi jireenyaa yaaddoo uummataa ta’a jirutti, maqaa raayyaa ittisa biyyaa gargaaruu qabdu jedhuun uummata hiraarsaa jiraachuu kan nuuf himan maddeen, qaama itti himannu dhabnee rakkoo hamaa keessa jirra jedhan.