‘Sochii waraanni Ertiraa daangaa Itoophiyaatti taasisu hordofaa turre, cimsinee mormina’ jedhan ergamaan adda US Maayik Hamar.

‘Sochii waraanni Ertiraa daangaa Itoophiyaatti taasisu hordofaa turre, cimsinee mormina’ jedhan ergamaan adda US Maayik Hamar.

(SQ-Fulbaana 21,2022)

Ertiraan sochii waraanaa daangaa Itiyoophiyaatti taasisaa jirtu US duuka buutee hordofaa akka jirtuu fi cimsitee akka balaaleffattu Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US kan ta’an Maayik Hamar ibsan.

Maayik Hamar kana kan jedhan Kibxata (Fulbaana 20, 2022) qaamoleen waraana keessa jiran mariitti akka deebi’an gochuuf imala gara Itoophiyaa taasisan miidiyaaleef yeroo ibsanittidha.

Dubbiin isaanii kuni Dubbii Himaan TPLF Obbo Getaachaw Radaa waraanni Ertiraa “kallattii hundaan humna guutun guyyaa har’aa waraana nurratti baneera.

”Ertiraan humna eeggataa dabalatee humna waraanaa qabdu hunda bobbaaftee jirti,” jechuun erga himatanii boodadha.

“Sochii loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaatti taasisaa jiran hordofaa turre” kan jedhan Maayik Hamar, “cimsinee mormina” jechuunis himan.Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuun isaanii rakkoo duraanuu wal xaxaa ta’e kan hammeessu ta’uu dubbatan Maayik Hamar.

“Humnoonni alaa walabummaa fi daangaa Itoophiyaa kabajuu qabu, walitti bu’iinsas hammeessuu irraa of qusachuu qabu. “Akkuma irra deddeebin ibsaa turre… kuni kan baay’ee nu yaaddesse fi dhaabbachuu qabuudha,” jedhan ergamaan addaa kun.

Waa’ee loltoonni Ertiraa hirmaachuu gama mootummaa Itoophiyaas ta’e Ertiraa wanti jedhame hin jiru. Kana dura garuu aangawoonni Itoophiyaa waakkataniiru.

Qondaalli Ameerikaa kuni ibsa isaaniin rakkoon qaamolee wal waraanan gidduu jiru waraanan kan hiikamu miti jedhan.

Ergamaan addaa US imala gara Itoophiyaa taasisanii turaniin MM Abiy Ahimad waliin illee wal arguu dubbataniiru. Haa ta’u malee, dhimmicha irratti odeeffannoo bal’aa hin kennine.

Waraanni Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru karaa nagaa akka xumuramuuf US dhiibbaa akkamii akka gootu kan gaafataman Maayik Hamar, “Waraana kana dhaabsisuuf US filannoo heddu lafaa qabdi, ammatti garuu dippiloomaasii irratti xiyyeeffanna,” jedhan.

Dabalataanis, qaamoleen lamaan bifa wal-amanuu danda’aniin Gamtaa Afrikaa jalatti akka mariyataniif torbee kana Niwuyoorkitti bakka bu’oota Gamtaa Afrikaa fi qaamolee biroo wajjin wal arganii hojjachuu akka itti fufan himan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *