MCBNO fi ABO

MCBNO fi ABO❗️❗️
Oromoo duwwaa osoo hin taane Itoophiyaa guutuun, Lammiileen Oromiyaa fi Itoophiyaa guutuun gaaga’ama siyaasaa hamaaf saaxilamaniiru. ABO rakkoo siyaasaa Oromiyaa fi lammiilee Oromiyaa mudate furuuf daandiin jiru Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa-MCBNO tahuu labse. KFO fi aaktivistootni hedduun dhimma kana deeggaran. Deeggarsa isaaniis ibsatan. Siyaasni nagaa fiduuf, seenaa fi biyya ofii seenaa fi seeraan beekamu deebifachuuf gaggeeffama. ABO daandii Oromoo baasu, kan hundumaa hammatu jedhee amane sababa waliin ibsee MCBNO labsuun isaa beekamaa dha. Oromiyaa keessa saamichi, ajj**eechaan, nama ugguranii maallaqa gaafachuun, sabaan qoodanii ajj**eesuun hin jiru kan jedhu of haa SOBU! Sun sobduu dha. Kun hundi qaama Oromoon bilisoomsa jedhee maqaa W30n of waamuunis PPnis inuma raawwatama. Uummataaf qabsoofta taanaan akkamiin uummata saamta? Akkamiinis yaada jibbita? Osoo hin dhaggeeffanne akkamiin mormita? Kun yakka keessa jiraachuukee ragaa guddaa dha.
MCBNO yeroo labsamee kaasee miseensotaa fi ajajoota W30 kan of jedhan “kun W30 balleessuu dhufe.” jedhan. MCBNO W30 balleessa jedhee labsee? Sagaagalummaa fi ololaan kan jiraatan, dantaa fi dhiiga uummataarra aangoof kan bololan summii facaasaa Oromoon rakkoo hamaa keessa seenee, qotee bulaan saamamaa, shiraan magaalaa keessattis Oromoon ilmaan isaa qaroo dhabee awwaal*aa jira. Yoo MCBNOtu siif hin galle gaafatta. Kanaan ala ABOnis anuma, W30nis anuma, (ABO W30), Qeerroo Bilisummaa Oromoonis anuma, Warri sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoos anuma jetta taanaan fedhiinkee tokkicha. Dirqama uummataa harkaa qabda osoo hin taane ergama diinaa Oromoo qooduu qabda. Osoo dirqama uummataa tahe waliin hojjennallee jetta malee hunduu kanuma kootu sirriidha hin jettu ture. Garuu, ABO, W30, Qeerroon Bilisummaa Oromoo utubaa sibiilaa jalli daayimandii tahuu siif hin galle taha. MCBNO mirkaneeffachuun, deeggaruun cubbuu Oromoo fi qe’ee Oromoo irratti raawwatamutti xumura gochuu dha. Yoo hin beekne gaafadhu. Kanaan ala ololaan kan ilmaan Oromoo qaalii nyaattu ammas hamuummannaakee HD ABO, Qondaaltota ABO fi miseensotaa fi deeggartoota ABO mana hidhaatti dararamaa jiranii siif hin eeyyamnu.
MCBNO Carraa warqee harka Oromoo jiru!
Nagaa Lammiilee Oromiyaaf❗️
Walooma❗️

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *