Wallaggaa Bahaa Kiiramuutti Faannoon namoota 40 ol ajjeesse.

Wallaggaa Bahaa Kiiramuutti Faannoon namoota 40 ol ajjeesse.

(SQ – Onkoloolessa 18,2022)

Finxaaleyyiin Amaaraa gareen goolessaa Faannoo jedhaman daangaa Oromiyaa cabsee seenuudhaan Godina Wallagga Bahaa Ona Kiiramuu keessatti haleellaa ummata meesha maleeyyii irratti geggeessan itti fufuun guyyoota sadan kana keessatti haleellaa gandoota garagaraa irratti raawwataniin yo xiqqaate namoota 40 ol ajjeesuu isaanii maddeen keenya gabaasaniiru. Loon dabalatee horii baay’een kan saamamanii fi manneenii fi qabeenyis kan barbadeeffaman ta’uun hubatameera.

Onkoloolessa 15,2022 qofa humni finxaaleyyii fi goolessituun Faannoo bulchiinsa naannoo Amaaraa irraa hidhannoo guutuun Kiiramuu weeraraan seenan yo xiqqaate Oromoota 30 ol galaafachuu isaanii maddeen kan gabaasan yoo ta’u, ummatnis dhugaa kana mirkaneesseera.

Kanneen ajjeesamaa jiran keessatti jaaroleen ganna 95 olii keessatti argamuu kan gabaasan maddeen, reeffi dhiirota 29 fi dubartii tokkoo argamuu illee ifa godhu.

Onkoloolessa 15,2022 irraa qabee hanga guyyaa har’aatti Ona Kiiramuu gandoota garagaraa keessatti yo xiqqaate namootni 40 ol ta’an lubbuun isaanii darbuu maddeen ifa gochuun, guyyoota Sambataa fi Dilbata qofa gidduutti yo xiqqaate lammiileen Oromoo 10,000 caalan qe’ee isaanii irraa akka buqqa’an addeessan. Kanuma faanas horiin gaafaa 5,000 caalan saamamuunis ibsameera.

Keessumaa gareen shororkeessaa Faannoo Ona Kiiramuu gandoota Caffee Soorumaa, Burqaa Soorumaa, Nachinoo, Burqaa Dandaa, Guddina Jireenyaa fi kanneen biroo keessatti lammiilee Oromoo nagaan qe’ee isaanii irra jiraatan irratti waraana geggeessaniin namoota hedduu ajjeesuu isaanii maddeen keenya gabaasaniiru; maanguddootni umriin isaanii 85 fi 90 gidduu baay’een akka ajjeesamanis ibsameera.

Odeessi ummata irraa argame akka hubachiisutti humni shororkeessaa Faannoo kallattii gara Bahaa Ona Kiiramuu fi Amuruu bakkoota akka Liiban, Caffee Guddinaa, Gurraan Angooyyee, Caraanaa, Gulufa, Abbinee akkasumas kallattii biraan ammoo lafoota akka Booqaa, Woddeessaa fi Gommoola jedhaman faatti haleellaa akka raawwatanii ummata irraan miidhaa guddaa dhaqqabsiisanii jiran. Gandoota kana keessatti reeffi namoota 14 olii yoo argamu, kanneen bakki buuteen isaanii dhabames hedduu ta’uun gabaasameera.

Ganda Guddinaa Jireenyaa keessatti bulchaa gandaa Taaddasaa Ayyaanaa jedhamu dabalatee abbootii amantaa fi maanguddoota waggaa 80 dabalatee namootni torba akka ajjeefaman ibsameera.

Kana malees, naannoo Darrabbaa jedhamu keessaa walitti fufiinsaan guyyoota shaniif qabeenyi ummataa humna finxaaleyyii Amaaraa Faannoo kanaan saamamuu maddeen gabaasaniiru. Weerarri ummata kana irratti deemsisamu ammallee iddoo adda addaatti itti fufee jiraachuun bal’inaan gabaasamaa jira.

Walumaagala Godina Wallagga Bahaa Ona Kiiramuu fi naannoo sana keessatti duguuggaa sanyii humni finxaaleyyii fi shororkeessaa Faannoo fi hidhattootni mootummaa gamtaan ummata Oromoo meesha-maleeyyii irratti geggeessaa jiraniin, Oromootni dhibbootaan lakka’aman lubbuun isaanii darbaa kan jiru yoo ta’u, kumoota kudhanootaan qe’ee ofii irraa buqqa’aniiru. Qabeenyi tilmaamuun hin danda’amne yoo saamamu, manneen dabalatee gariin barbadeeffamaniiru.

Walumaagalatti Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti duguuggaa sanyiitu garee finxaaleyyii Faannoo fi waraana goolessaa Bilxiginnaan ummata Oromoo irratti geggeessamaa jira.

Duguuggaa kana dhaabsisuu fi ummata balaa ulfaataa irra bu’ee jiru kana dhaqqabuu fi dandamachiisuuf ammallee dirmatnaan lammii kan keessaa fi alaa akkaan barbaachisaa ta’uu walyaadachiisna.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *