Wallagga Bahaa Tsiggee bakka jedhamutti ilmaan Oromoo hedduun humna faannoo Amaaraan ajjeeffamuun dhagahame.

Wallagga Bahaa Tsiggee bakka jedhamutti ilmaan Oromoo hedduun humna faannoo Amaaraan ajjeeffamuun dhagahame.

(SQ-Onkoloolessa 20,2022)

Akka maddeen himanitti humni Finxaaleyyii Faannoon qindaa’uun kaleessa onkololessa 19/2022 hawaasa nagaa meesha maleeyyii irratti haleellaa raawwachuun ajjeessuufi madeesuun himame.

Haleellaa kanaan hanga gabaasa kana qindeessinetti lubbuun namoota sagalii darbeera. Isaanis;
1- Kaasaahun Adaanee
2-Iddoosaa Asfawu
3-Gammachuu Baqqalaa
4-Olaanaa Bultii
5-Tolaa Dirbabaa
6-Maatiwoos Mulaatuu
7-Guddinaa Gaarii
8-Xilaahun Kitilaa
9-Bal’inaa Tarreessaa yommuu ta’an

Kanneen rasaasa finxaaleyyii kanaan madaahan immoo :-

1-Bultum Olfuudhaa
2-Faantaahun Mitikkuu fi
3-Daawwiit Dabalaati kanneen jedhaman ta’u odeessi arganne ifa godha.

Ammallee haleellan humnooti Finxaaleyyii kanaan uummata nagaa irratti raawwatu jabaate itti fufee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *