Oromiyaa bakkoota addaa addaatti waraanni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo badii tokko malee jumlaan mana hidhaatti guuru itti fufee.

Oromiyaa bakkoota addaa addaatti waraanni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo badii tokko malee jumlaan mana hidhaatti guuru itti fufee.

(SQ-Sadaasa 9,2022)

Ilmaan Oromoo dachee abbaa isaanii irratti mirga erga dhabanii jaarraa tokko ol yoo lakkoofsiseyyuu erga koloneel Abiy Ahimed aangootti dhufee kaasee garuu ilmaan Oromootti kan yeroo kamuu caalaa miidhaan irra ga’u hammaatee itti fufee jira. Kanumaan kutaalee Oromiyaa adda adda keessatti Waraanni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo jumlaan hidhuu jabeessee itti fufee jira.

Godina Arsii bahaa aanaa Heexosaa ganda Aanoolee jedhamutti Waraanni PP deddeebi’uun namoota hedduu hidhaa fi qabeenya isaanii saamaa jiru jedhu maddeen. itti fufuun sadaasa 3, 2022 waraanni Bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deeggartu jedhu itti maxxansuun namoota heddu hidhuu maddeen SQtti himan.

Akka namnni kun jedhanitti waraanni PP sobaan nama yakkuu. Maqaa shanee gargartaa jedhun abbaa fedhan hidhaa kaan immoo reebaa jiru jedhu sadaasa 3,2022’s Namoonni haala kanaan hidhamanii jiran, Siraaj Fayyoo, Gabuu Hajii Muktar Sulxaan ,Shaashoo Gurraachoo, Jamaal fi Adam Boobee kanneen jedhaman kanneen maqaa isaanii argane yoo ta’u kanneen maqaa isaanii hin argamne namoonni 20 ol hidhamanii jiraachuu odeeffanneerra.

Oduuma Wal fakkaatuun Godina Shawaa Lixa aanaa Ejersa Lafootti namoota hedduu hidhuu maddeen nuuf himan

Namoonni aanaa Ejersa Lafoo keessatti baatiilee hedduuf yakka tokko malee hidhamanii jiran kun Biraanee Caalaa, Dinaabaa Dandanaa, Dandanaa Dirribaa, Tolanee Magarsaa, Gammadaa Damee, Jifaaree Taaddasaa, Dajanee Atoomsaa, Dalasaa Baqqalaa, Mootummaa Hirphaa, Gurmeessaa Dhaqqabaa, Magarsaa Dhaqqabaa, Gannat Tasfaayee, Ashannuu Bayyanaa, Geetuu Gurmeessaa, Baqqalaa Warqinaa, Kabbee Abarraa, Buttaa Girmaa, Huseen Bulii, Baqqalaa Damee, Taaddasaa Kabbadaa, Tolasaa fi kanneen biroo hedduun buufata poolisii aanichaa magaalaa Oolankomii jiru keessatti dararaa argaa jiru jedhu.

Gama biraan ammoo kaaba Oromiyaa Godina Walloo keessatti ilmaan Oromoo aanota garaagaraa keessaa qabamuun mana hidhaa magaalaa Kamisee keessatti dararamaa jirachuu odeesi arganne ifa godha. .

Namoonni Kamiseetti hidhamanii jiran kunneenis Amanuu Huseen, Ahimed Gilxee Garbii, Ahimed Indiris Garbii, Suleeman Xaahir Garbii, Hindirra Abduu Abulee baajaajii isaa waliin , Musxafaa Sayid Amaanii fi kanneen biroon hedduun gaaffii tokko malee hidhamanii dararaa argaa jiru jedhu.

Ilmaan Oromoo godinicha keessatti sababa Oromoo ta’an qofaaf dararaan irra ga’aa jiru ulfaachuu kan himan maddeen namoota qabamanii mana hidhaa jiran malee kanneen achi buutee dhabamsiifaman hedduu ta’uu ibsu. Gochootni Oromummaa balleessuuf ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi qe’ee irraa sababoota garaagaraan itti dulanii buqqisuu kun ammoo humna waloo finxaaleyyii Amaaraa fi murna bilxiginnaa fedeeraalaan raawwatamaa jira jedhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *