Lammiilee haleellaa diroonii fi humnoota lafoo mootummaatiin Oromiyaa keessatti ajjeefaman yaadachuuf sirni Dungoo ibsuu Ameerikaa Washingtan DCtti adeemsifamee.

Lammiilee haleellaa diroonii fi humnoota lafoo mootummaatiin Oromiyaa keessatti ajjeefaman yaadachuuf sirni Dungoo ibsuu Ameerikaa Washingtan DCtti adeemsifamee.

(SQ-Sadaasa 12/2022)

Sirni dungoo ibsuu kun kaleessa sa’atii 5:00PMtti Ameerikaa White House fuulduratti hawaasa Oromoofi qindeessitoota qophiichan raawwatame jira.

Sirna dungoo ibsuu kana irratti hawaasi Oromoo fi michoonni sabichaa qooda irra fudhataniiru.

Oduu walqabateen ajjeechaa Oromiyaa keesaatti raawwatamaa jiru mormuuf Washigteen DCtti hiriirri mormii waamamee jira.

Hiriirri mormii kun Sadaasa 17 bara 2022 Kamisaa dhufu sa’atii 10:00AMtti akka adeemsifamuuf jedhu qindeessitoonni ibsaniiru.

Gama birra Sadaasuma 17, Ameerikaa Magaala Minisootattis hiriiri ajjeechafi hidha , gidiraa Sabaa Oromoo irra ga’a jiru balaaleffatu qopha’ee jira, hiriiri kunis sa’a 1:00 PMtti kan adeemsifamdha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *