Weellisaa Damisoo Moosisaa mana hidhaatii baafamuun humnoota mootummaatiin ajjeefamuunsaa dhaga’ame.

Weellisaa Damisoo Moosisaa mana hidhaatii baafamuun humnoota mootummaatiin ajjeefamuunsaa dhaga’ame.

(SQ-Sadaasa 14,2022)

Weellisaa Damisoo Moosisaa Caamsaa 29, bara 2013 magaalaa Naqamteetti poolisii humna addaatiin qabamuusaafi ergasii achi buuteesaa dhabanii barbaadaa akka turan maatiin isaa dubbataniiru.

Oduu tibbana baateen, dhaamsi karaa poolisii maqtii qaqqabe Weellisaa Damisoo mana hidhaatii baafamee ajjeefamuusaati jedhu maddeen.

‘Barbaacha kee ba’een’, ‘Sabboontuu Giddaa” fi “Lafee Dhugaaf cabe” mata dureewwan jedhan, hojiilee Weellisaa Damisoo hawaasa biratti fudhatama ittiin argate ta’uu hima, hiriyaan isaa tokkos.

Weellisaa lafaa dhufaan kun Damisoo Moosisaa jedhama. Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Gidda Ayyaanatti dhalate. Fakkeenya weellisaa Jireenyaa Ayyaanaa, xiiqeffattuu akka Usmaayyoo Muusaati jechuun isa ibsa hiriyaansaa kun.

Qabsoo qeerroo waggoota afur dura ture keessatti gumaacha guddaa qabaachuusaafi yeroo dhihoo gara walleetti dhufuun, hojiilee warraaqsaa hojjechuun jaallatamummaa horachuu nama danda’e ture jedha.

Bara 2012 sababa wallee warraaqsaa hojjeteef barnootarraa ariyatamuusaa dabalatee, ergasiis magaalaa Naqamtee keessatti hojiilee dhuunfaafi aartiirratti xiyyeeffachuun jiraachuu eegaluusaa hima.

Caamsaa 29, 2013 ammoo akkuma yeroo kaanii lafti nagaadha jedhee, uffatee, dibatee, sirna eebba kitaabaa tokkorratti hirmaachuuf mana ba’e jedha.

Bakka eebba kitaabaa sanarraa akkuma ba’een, Naqamtee naannoo Maaramii jedhamutti, poolisii humna addaatiin butamuusaatu himame.

Ergasii as kaampii raayyaa ittisa biyyaa kan Masaraa Kumsaa Morodaatti argamu keessatti hidhamaa akka ture maatiin quba qabaachuu himanii turan.

Buufata duraan itti hidhame sana keessatti reebicha ulfaataafi dararaaf saaxilamaa erga turee booda, achii baafamee bakki buuteensaa wallaalamuun waggaarra caaluusaa kan himan maatiin, manneen hidhaa godinaafi federaalaatti iyyaafachiisanii akka dhaban ibsu.

Akkuma Jireenyaa Ayyaanaa, akkuma Nadhii Gammadaa seenaan wal fakkaataa Damisoorratti irra deebi’ame kan jedhu hiriyaansaa, waggaa tokkoof manneen hidhaa sadarkaa hundarra jiranitti isa barbaadaa turrus, faannisaa cilee bishaan buute taatee jedha.

Turtii waggaa tokkoo booda, Sadaasa 13, 2022 jechuunis guyyaa kaleessaa oduun rifachiisa tokko maatii akka qaqqabe hima hiraaynsaa haalaan waa’eesaa beeku kun.

Weellisaa Damisoo Moosisaa mana hidhaatii baafamee ajjeefamuusaan walqabateen, maatiin akka irmii baafatuuf dhaamsi nu qaqqabe jedha.

Yeroo ammaa kana maatiin hunduu gaddarra jiraachuu kan ibsu maddi keenya kun, reeffasaa argannee awwaallachuu dhabuun hedduu nu madeesseera jedha.

Seenaan wal fakkaataa mana Oromootti deddeebi’aa jiru kun gara jabina mootummaatiif agarsiiftuudha kan jedhu maddi keenya, taateen akkanaa itti fufiinsaan ilmaan Oromoorratti raawwatamuun hanga yoomitti jechuun miira gaddaan dubbata.

Weellisaa Damisoo Moosisaa mana hidhaa ture erga baafamee booda, namoota kan biroo ja’a waliin gara Dhidheessatti geeffamuun bosona keessatti ajjeegamuusaa itti himamuu kan dubbatu hiriyaansaa, wanti qabatamaan hanga ammaatti beeknu hin jiru jedha.

Weellisaan kun hojiilee muuziqaa haaraa hedduu istuudiyootii qabaachuusaa kan ragaa ba’u hiriyaansaa, uummatni Oromoo haqa nama kanaa akka barbaaduufis dhaamsa dhaamee jira. Jechuun Kan Gabaase OMN

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *