Shawaa Lixaatti waraanni Bilxiginnaa dargaggoota 3 ajjeessun tokko irra qaama saalaa muruun dhaga’ame.

Shawaa Lixaatti waraanni Bilxiginnaa dargaggoota 3 ajjeessun tokko irra qaama saalaa muruun dhaga’ame.

(SQ-Sadaasa 20,2022)

https://t.me/hordofaa

https://chat.whatsapp.com/LAzVHa4HqhsCccRHuz6sBB

Sadaasa 15, 2022 Godina Shawaa Lixaa aanaa Amboo, ganda Xuleetti waraanni Bilxiginnaa dargaggoota lama Araarsaa Lammaa fi Abbushee Qasaa jedhamanitti rasaasa roobsuun ajjeesan jedhu maddeen. dargaggooti ajjeefaman kun umuriin isaanii ganna 24 yoo ta’u, waraanni PP qabanii reeba of faana fudhanii deemuun ganda Dikii bakka Ulaa Kuruphee jedhamutti ajjeesanii gatan jedhu.

Maatiin dargaggoota kana birmachuu fi reeffa kaasuuf dhaqanis walitti qabanii ganda Dikiitti hidhanii jiru jedhu maddeen SQ.

Kana malees Sadaasa 16,2022 ganda Dikii bakka addaa Dikii Qalloo jedhamutti dubartii Shiibirree Ayyalaa jedhamtu mana ishee keessatti rasaasaan jilba gubbaa rukutuun du’aa fi jireenya gidduu jirti jedhu.

Aaddee Shiibirree Ayyalaa haadha ijoollee 7 yoo taatu manni yaala gandoota baadiyaa keessa waan hin jirreef akkasumas magaalaa Amboo dhaqanii yaalamuuf sodaa nageenya waan qabaniif yaala tokko malee mana isaanii keessatti rakkachaa jiraachuu odeesi arganne ifa godha.

Ittuma fufuun waraanni Bilxiginnaa Sadaasa 13,2022 dargaggoo Sintaayyoo Nagaraa rasaasaan harka isaa keessa rukutuun erga qabanii booda Qaama saalaa isaa irra muruun qaama isaa hundaa cubeen uranii qalanii gatan. Reenfi nama kanaa bosona keessa bulee sadaasa 14 galgala uummatni dhokatee erga kaase firri osoo hin dhufin bakka awwalchaallee hanqisanii halkaniin namoota muraasaan awwaallaan jedhu maddeen keenya.

Dargaggoon kun nama hariiroo siyaasa tokkoyyuu hin qabne, maatii fi ollaa isaa keessatti amala qabeessaa akkasumas nama safeeffataa ta’uu maatiin ragaa bahu.

Kana malees faashistoonni kunniin manneen qotee bulaa Oromoo irra deemuun balbala cabsanii saamicha raawwachaa jiru. Namootni nagaan hedduuminaan qabamee waan hidhamee jiruuf fayyaatu galaa fi du’aatu galaa uummatni yaaddoo cimaa keessa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *