Barsiisaan Yunvarsiitii Dambi Doolloo Diroonii kalaqe.

Barsiisaan Yunvarsiitii Dambi Doolloo Diroonii kalaqe.
(SQ-Gurraandhala 17,2022)
Barsiisaa Yuunibarsiitii Dambi Doolloo kan ta’e Amanu’eel Baalcha Diroonii kalaquun Kaleessa Gurraandhala 16/2022 Bakka jiraattonnii fi perezedantiin Yuunibersiitii Dambi Doolloo Akkasumas barattoonni mooraa yuunibersiitii Dambi Doolloo jiranittis agarsiisee jira.
Barsiisaa Amanu’eel Baalchaa muummee Mekaanikaal injineriingiin yuunibersiiti Arbaa minc irraa eebbifamee ba’uun Ammatti barsiisaa Yunibarsiitii Dambi Doolloo yoo ta’u, yeroo ammaa Diroonii 2 fi xiyyaara 1 kalaquusaa Pirezedaantiin Yuunibersiitii Dambii Doolloo Dr. Lataa Tasfaayee dubbataniiru.
Dirooniin kunis meetira 250 balali’uu kan danda’uufi daqiiqaa 30 ammoo qilleensa keessa turuu akka danda’us Barsiisaa Amanu’eel Baalchaa Dubbatee jira.
Yunibersiitiin Dambi Doolloos kalaqa irratti xiyyeeffannoo guddaadhaan akka hojjechaa jiruu fi labaratoorii adda adda qopheessuun meeshaalee hojii kalaqaaf barbaachisan bituun barattoonniifi namoonni dandeetti kalaqaa qaban akka hojjetaniifis tumsaa jira jedhan Dr, Lataa Tasfaayee.
Haaluma wal fakkaatuun barattoota magaalaa Dambi Doolloo kutaa 1-12 barataniif labaraatoorii kalaqaaf ta’u 2 qopheessuun hojii kalaqaaf bakka guddaa akka kennanis dubbataniiru.
Yuunibersiitii Dambi Doollootti yeroo ammaa kana Barsiisaa Amanu’eel Baalchaa dabalatee Barattoota yuunibersiitichaa 9 fi Barattoota iddoo biraatii dhufan 3 hojii kalaqaa adda adda hojjetaniin bu’a qabeessa ta’aniif beekamtiin akka kennames odeeffanneerra.
Barattoota Oromoo dandeetti gurguddaa akkasii qabaniifi Abdii Oromiyaa boruu ta’an kana uummanni oromoo jajjabeessuu qaba.”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *