Barattoonnifi Qeerroon Bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamteetti hiriiraa ba’uun diddaa dhageesisa.

Barattoonnifi Qeerroon Bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamteetti hiriiraa ba’uun diddaa dhageesisa.
Sagalee Qeerroo – Mudde 05,2022
Barattootni Oromoo magaalaa Naqamtee manneen barnootaa adda addaa ajjechaa jumlaa humni goolessituu faannoo mootummaan hidhachiisamanii fi bobbaasaman lammiilee nagaa irratti raawwataa jiran akkasumas dhumaatii waraanni mootummaa Biltsiginnaa ummata Oromoo irraan ga’aa jiru mormuu fi balaaleffachuun hiriira diddaa dhoosanii jiran.
Barattootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo fi sadarkaa 2ffaa hunda keessatti argaman, waliigalatti ammoo ummatni Oromoo kana caalaa taa’ee waan eegu hin qabu; salphinni kana caalus hin jiru waan ta’eef, gamtaan sagalee tokkoon, dhumaatii irraa of oolchuuf ka’ee falmatuu qaba jechuun yaamicha dhiheessaniiru.
https://t.me/hordofaa
https://chat.whatsapp.com/LAzVHa4HqhsCccRHuz6sBB

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *