๐๐ฆ๐ฆ๐๐ง๐ง๐ข ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐๐ซ๐๐ ๐๐ฌ๐๐๐ ๐๐๐ง๐๐โ๐๐ฆ๐ ๐๐๐ซ๐๐๐ง ๐๐๐๐ซ๐๐ซ๐ ๐๐ข๐ข๐ง๐๐ ๐๐ค๐ค๐ ๐๐ ๐ข๐ซ๐ซ๐๐ ๐๐จ๐ฅ๐๐ญ๐ฎ๐ฎ๐ ๐๐๐๐ฆ๐ข๐๐ก๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ (๐๐๐)
Ibsa ABO โ Muddee 06, 2022
Saamichi lafa Oromoo irratti raawwatamu, ajjeechaan gara-jabinaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu, gochi ummata qeโee fi qabeenya isaa irraa buqqaasuu fi gochi gudeeddii namoota nagaa irratti raawwatamu sadarkaa dhumaa irra gaโee jira. Gareen shororkeessaa Faannoo (Interhamweyii Itoophiyaa) jedhamee waamamu mootummaa Itoophiyaa Paartii Bilxiginnaan durfamuun kan hundeeffame yoo taโu, gareen kun Oromiyaa keessatti gocha hammeenyaa isa dhumaa raawwachaa jira. Erga bara weerara Minilikii asitti gochi hammeenyaa fi gara jabeenyaa, duguuggaa sanyii akkanaa seenaa waraanaa warra Abisiiniyaa keessatti ummata Oromoo irratti raawwatamee hin beeku.
Gochi hammeenyaa tibbana Oromoo irratti raawwatame gita kan hin qabnee dha. Minilik weerara jaarraa 19ffaa keessa ummata Oromoo irratti gaggeesseen haadholii irraa harma muree, warra dhiiraa irraa ammoo harka muraa ture. Bara mootummaa Paartii Badhaadhinaa ammoo gareen shororkeessitootaa morma ilmaan Oromoo irraa muruu, mataa mukatti diranii Godina Goojjam, magaalaa Buree keessatti agarsiisaa turan. Akkasumas reeffa namoota ajjeefamaniitti abidda qabsiisuudhaan gubanii, irra dhaabatanii sirba injifannoo sirbaa dhaadachaa turan. Amma nu gaโe! Kana caalaa gocha hammeenyaa fi gara jabeenyaa Murna Bilxiginnaa baachuu hin dandeenyu.
Ummanni Oromoo daangaa namaa ceโee, biyya namaa hin weerarre. Ummanni Oromoo warra ilmaa fi intala, harmee fi abbaa isaa, haadha warraa fi abboota isaa salphisan dabalatee, saba hundumaa waliin waliigalee nagaa fi jaalalaan waliin jiraata. Isaan sooree, isaan eegee, lubbuu isaanii baraaree waliin jiraate. Jireenyaa fi lafa isaa isaaniif qoodee akka jiraataniif isaan tumse. Haa tahu malee, gaarummaa fi qajeelummaa Oromoo kanaaf deebiin qubattoonni kennan, sabicha irratti gocha hammeenyaa raawwachuu fi salphisuu taโe. Ummanni Oromoo nageenya isaaf falmatee nagaadhaan biyyaa fi qeโee isaa irra jiraachuudhaaf mirga qaba.
Waan kana taโeef, ummanni Oromoo tokkummaan kaโee biyya, ilmaan, haadhaa fi abbaa, walumaagala jiraachuudhaaf akka falmatu waamicha godha. Ammaan booda salphina kana baachuu hin dandeenyu. Kanaaf tokkoon tokkoon ilmaan Oromoo tokkummaadhaan kaโee qabsoo finiinsuu qaba. Nageenya keenya eeggachuun mirga namummaa keenya.
Barattoonni manneen barumsaa sadarkaa lammaffaa fi yunivarsiitii, barsiisonni sadarkaa mara irratti argaman, qonnaan bultoonnii fi Qeerroon Oromoo gamtaadhaan kaโanii akka falmatan dhaamna. Ammaan booda teenyee biyyaa fi qeโee keenya irratti ajjeefamuu fi salphachuu hin qabnu.
Oromoon tokkummaa isaa eeggachuu fi jabeessuu qaba. Duuti Oromoo tokkoo duโa Oromoo isa kan biraa ti. Salphinni Oromoo tokkoo salphina Oromoo hundumaa ti. Oromoon gola Oromiyaa mara keessa jiru marti gamtaadhaan kaโee, ajjeefamuu fi salphifamuu Oromoo murni Badhaadhinaa Oromoo irratti raawwachaa jiru kana mormuu fi balaaleffachuu qaba. Tokkummaa fi cichoominni keenya bara 2018 keessa mootummaan EPDRF akka of haaressu dirqisiisee ture.
Gareen Murni Badhaadhinaa hidhachiisee bobbaase, qeโee fi gandoota jireenyaa ummata nagaa gubanii barbadeessuu, ummata nagaa hidhannoo hin qabne meeshaalee waraanaa guguddaan haleeluu, magaalotaa fi gandoota jireenyaa ummata nagaa boombiidhaan haleeluu fi barattoota mana barumsaatti jumlaadhaan fixuu, bakkoota namoonni waaqeffannaaf walitti qabamanii fi bakkoota gabaatti haleellaa raawwachuun ummata nagaa ajjeesuu erga eegalanii bubbulee jira. Oromiyaa keessatti bulchiinsi idilee erga addaan citee bubbulee jira.
Kanaaf, gaagaโamni kan ammaa irra hammaatu akka hin dhufneef, Ummanni Oromoo marti tokkummaadhaan kaโee falmatee, Mootummaan Ceโumsaa Naannoo Oromiyaa akka hundeeffamuuf dirqama Oromummaa akka baโatu dhaamna.
Dhuma irrattis, gaaffiin barsiisonni Oromiyaa keessatti kaasanii fi mormiin Qeerroo gaaffii haqaa ti jenna. Kanaaf ilmaan Oromoo marti cinaa isaanii dhaabachuu qabu.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Muddee 06, 2022
Finfinnee