Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti, Waraanni Milishaa Amaaraatiin ummata irratti baname itti fufe.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti, Waraanni Milishaa Amaaraatiin ummata irratti baname itti fufe.

(SQ-Gurraandhala 18,2022)

Aanaa Amuruutti, Gurraandhala 14/2022 irraa eegaluun, Milishaan Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun socho’u bifa haarawaan lola itti fufanii jiraachuufi gandoota kana dura hin qabamin dabalataan qabachuu, akkasumas lubbuun namoota nagaa darbaa jiraachuu namoonni qe’eefi qabeenya isaaniirra buqqa’aan dubbatu.

Lolli qinda’aan kun meeshaalee waraanaa ammayyaa ta’aniifi waraana leenji’een geggeeffamaa jiraachuu kan himan maddeen, Kibxataa fi Roobii , darbee Gurraandhala 15 fi 16, 2022 Aanaa Amuruu gandoota akka Waallii fi Lummaa jedhaman keessatti waraana adeemsifameen qisaasamni jabaan lubbuufi qabeenya uummataarra ga’uu Odeeffanneerra.

Lolli qinda’aan kun baballachaa jiraachuufi bifa kanaan duraarraa haala adda ta’een meeshaalee gurguddaa dhukaafamuun manneen jiraattotaa barbadeeffamaa jiraachuu, akkasumas humnoonni Finxaaleyyii kunniin caasaa mataa ofii uummachuun gandoota qabatan hunda keessatti buufata ijaarrachaa jiraachuu isaanii maddeen keenya mirkaneessaniiru.

Ganda Haroo Guddinaa bakka addaa Qorqee jedhamu lola gaafa Kibxataa adeemsifamaa tureen barbadeeffamuu kan himu maddi keenya kun, jiraattonni qe’ee fi qabeenya ofiirraa buqqa’aa jiran kunniin, bakka addaa naannoo Yaayyaa Xumbee Gabaa Rigatee jedhamutti baqachuun buufatanii jiraachuu buqqaatota keessaa namni dubbisne himee jira.

Qabeenyi uummataa sochoofamuuf mijatoo ta’aan saamamanii Mormor irraan gara Naannoo Amaaraatti dabarfamaa jira kan jedhu namni kun, manaafi qabeenyi barbadaa’uu himeera.

Qaamoleen mootummaa rakkoo kana furuuf fedhii dhabanii callisanii ilaalaa jiraachuu isaaniif kan komatan namnni kun, jiraattonni qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’an illee midhaan nyaataafi waan uffatan dhabanii gidiraa hamaa keessatti kufanii jiraachuu ibse.

Waraana qindaa’aa garee miliishaa Faannoo Amaaraatiin uummata Wallaggaa irratti baname kanaan, torban darbe Aanaa Jaardagaa Jaartee Ganda Akkayyuufi Saammoo jedhaman keessatti lubbuun namoota 20 olii jimlaan ajjeefamuun ni yaadatama.

Dhimma kana ilaalchisee Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa fi dhaabbileen mirga namoomaa irratti hojjetan biroon callisuun akka isaan gaddisiise kan himan buqqaatonni kunniin, uummatni Oromoo kallattii mararraa birmannaa akka nuuf taasisu, sagalee akka nuuf ta’u barbaannas jedhaniiru.

Gabaasi kan OMN!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *