Qorichii Roorroo Qabsoodha Falmadhu sabakee baraari!!
Yuunvarsiitii Haramaayaatti hiriira mormiin walqabatee humni waraanaa Bilxiginnaa barattoota 30 yoo hidhu, hedduus reebuun miidhaa irraan geessise.
(Sagalee Qeerroo Mudde 7,2022)
Gocha sanyii duguuggaa sirna Bilxiginnaa jalatti Saba Oromoofi lammilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru balaleeffachuun barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Harammayaa hiriira mormii ba’uun sina Bilxiginnaa balaleeffachuun isaanii nuyaadatama.
Haaluma kanaan hiriira mormii kaleessa Mudde 6, 2022 Yuunvarsiitii Harammayaa mooraa Guddichaa fi Gandajeetti geeggeeffame irratti waraanni murna Bilxiginnaa barattoota hedduu reebuun miidhaa ulfataa irraan ga’ee jira, barattoota kaan irra ilkaan yoo cabsan kaan ammoo harka cabsuun miidhaa irraan geessisaniiru.
kana malee barattoota 30 ol kan hidhan yoo ta’u isaan keessa kan maqaa isaanii arganne.
Huseen,
Hafiz
Firaaol
Dhugoomsaa
Umar
Kanneen jedhaman kan maqaan isaanii nuqaqqabe yoo ta’an, barattoota 7 ammoo mana hidhaa Harammayaatti dabarsuun dhimmi isaanii Godina Harargee Bahaan ilaalama jedhanii jiru jedhu, akkasuma Bulchaan Godina Harargee Bahaa naannoo Yuunvarsiitii Harammayaa jirachuus odeeffanneerra.
#Waraabee
Yuuniversiitii Waraabee keessatti mormiin barattootaa murna sirna sanyii duguuggaa gaggeessu balaaleffatu gaggeeffamaa jira.
Mormiin barattootaa yuuniversiitiilee Oromiyaa keessatti kan eegale yeroo ammaa kibba itiyoophiyaa keessatti babal’atuun Waraabee yuuniversiitiin mormii barattootni Oromoo gaggeessanitti makamuun sirni morma muree namaan dhiichisu Abiyyiin kan hoogganamu balaaleffachaa jiru..
Qabsoon keenya itti fufa.
#Buraayyuu
Warraaqsi Barattootaan eegale itti fufuun yeroo ammaa godina addaa magaalaa Buraayyuu keessatti mormii cimaan gaggeeffamaa jira.
Fincilli sirna morma kutaa fi duguuginsa sanyii Oromoo irratti gaggeeffamu balaaleffachuu fi mirga abbaa biyyummaa gonfachuuf godhamu finiinee jira.
KA’I Oromoo Qeerroo waliin .
#ARSII
Barattootni yuuniversiitii Arsii damee Boqojjii guyyaa har’aa warraaqsa sirna duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwatame balaaleffatuu fi qabsoo mirga abbaa biyyummaaf godhamutti makamuun fincilatti jiru.
Oromoon bakkayyuu warraaqsa sirna duguuggaa irratti raawwatamu balaaleffachuun qabsoo sirna isaaf tahu ijaarrachuuf godhatu itti fufee jira.
#BuleeHoraa
Barattootni Yuuniversiitii Bulee Horaa warraaqsa dhoosuun sagalee mormii isaanii dhageesifachaa jiru.
Duguuginsa sanyii Oromoota irratti murna ppn hogganamee finxaaleyyiin amaaraa raawwatan of irraa qolachuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha godheen barattootni mooraa yuuniversiitiilee adda addaa fi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa mormiitti galanii jiru.
Ummatni Oromoo duguuggaa sanyii irratti raawwatamu of irraa qolachuuf mormii isaa itti fufee waraana isaan biyya isaa tiksachuu qaba.
#jiinkaa
Yuuniversiitii Jiinkaa keessatti mormiin barattootaa gaggeeffamaa jira.
Ummanni Oromoo daangaa namaa ceโee, biyya namaa hin weerarre. Ummanni Oromoo warra ilmaa fi intala, harmee fi abbaa isaa, haadha warraa fi abboota isaa salphisan dabalatee, saba hundumaa waliin waliigalee nagaa fi jaalalaan waliin jiraata. Isaan sooree, isaan eegee, lubbuu isaanii baraaree waliin jiraatullee warruma harkaan nyaachiseen deebisee qalamaa jiraachuutti kan mufate dargaggoon Oromoo mormii warraaqsaa murna pp jilbeenfachiisu Yuuniversiitiilee Oromiyaan alatti yuuniversiitii Waraabee fi Jiinkaattis warraaqsi birmadummaa biyyaa kabachiifatanii mirga ofiin qe’ee ofii irratti nagaan jiraachuuf godhamu itti fufee jira.
#Wachaamoo
Yuuniversiitii Wachaamoo keessatti mormiin barattootaa dhohee jira.
Ka’i falmadhu Oromoo isa si duguugu of irraa qoladhuu mirga abbaa biyyummaa gonfadhu.
#Gambeellaa
Mormiin Gambeellaa keessatis itti dhohee jira.
Warraaqsa Fincilaa murna Oromoo duguugu of irraa qolachuun daangaa ofii kabachiifachuuf dirqama isaa bahachuuf mooraalee yuuniversiitii keessatti fincila barattootni Oromoo waamicha Qeerroo Bilisummaa Oromoon eegalan yeroo ammaa Oromiyaan alatti babl’achuun Gambeellaa keessattis itti jabaatee jira.
#Bedellee
Mormiin barattootaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Bedellee keessatti dhohee jira.
Saamichi lafa Oromoo irratti raawwatamu, ajjeechaan gara-jabinaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu, gochi ummata qeโee fi qabeenya isaa irraa buqqaasuu fi gochi gudeeddii namoota nagaa irratti raawwatamu sadarkaa dhumaa irra gaโee jira jechuun obsa xumuratee fincilatti kan gale Qeerroon Bilisummaa Oromoo warraaqsa bakka hundaatti gaggeessaa jira.
#Maqii
Shaggar Bahaatti mormii barattootni sadarkaa 2ffaa kaasaniin murni bilxiginnaa waraana itti bobbaasuun barattoota harka duwwaa bahanii sagalee ummata nagaa ajjeefamaniif tahaa jiran irratti dhukaasa bananiin miidhaa qaqqabsiisaa jiru.
#Walisoo
Mormii barattootni Oromoo warraaqsa gaggeessan yeroo babal’atee jira.
Shaggar Kibbaa magaalaa Walisootti barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa mormiitti jiru.
Warraaqsi keenya hanga Birmadummaa biyya keenyaa mirkaneeffannutti itti fufa!
#Jijiga
Waamicha Addi Bilisummaa Oromoo Uummanni Oromoo akka of ittisuuf dhiyeesse fudhachuun barattootni Oromoo mooraa yuuniversiitii keessa jiran mormiitti jiru
#arbaamincii
Waamicha Addi Bilisummaa Oromoo Uummanni Oromoo akka of ittisuuf dhiyeesse fudhachuun mormii barattootni Oromoo mooraa yuuniversiitii Arbaa Mincii mormiitti jiru.
Falmachuutu furmaata !
#Baakkoo
Waamicha ABOn ummatni Oromoo akka of irraa ittisuuf godhe ofitti fudhachuun magaalaa baakkootti mormiin barattootaan gaggeeffamee ummata oromoo dhumaa jiru hin barannu jechuun warraaqsatti seenanii jiru.
#Salaalee
Yuuniversiitii Salaalee keessattis barttootni Waamicha ABOn akka ummatni Oromoo akka of ittisuuf waamicha godhe ilaalchisanii mormiitti jiru.
Falmaan mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaan jiraachuu mirkaneeffanna ka’i falmadhu teessee duguugamaa jiraachuun hin tahu.