Barattoonni Yuunversiitii Saayinsiifi Teknoloojii Adaamaa borurraa eegalee barnoota akka dhaaban hubachiisan.
<Sagalee Qeerroo ~ Mudde 11/2022>
Barattoonni Yuunversiitii Saayinsiifi Teknoloojii Adaamaa ibsa ejjennoo baafataniin yeroo ammaa kana uummanni Oromoo lafa isaarraa buqqa’aa, ajjeefamaa, fayyaatti gubachaa jiraachuu ibsuudhaan gochi duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeeffamaa jiraachuun kan isaan yaaddessu ta’uu hubachiisan.
“Qabsoon Barattoota Oromoo iddoo hundaatti dho’ee jiru diina kan naasisaa jiru dha” kan jedhan barattoonni kun, akkuma qabsoon barattootaa jabaachuu jiru humni diinaas qabsoo kanaafi uummata Oromoo irratti dhiibbaa guddaa gochaa jiraachuu ibsaniiru.
“Nuti barattoonni Oromoo mooraa ASTU yakka duguuggaa sanyii mootummaan Itoophiyaa fi humni Amaaraa Faannoo jedhamu waliin ta’uun uummata keenya irratti gochaa jiru ni mormina” jedhanii, haga duguuggaan sanyii kun uummata Oromoorraa dhaabatutti qabsoo isaanii akka itti fufan hubachiisan.
Ibsa ejjennoo isaanii keessatti qabxiilee ejjennoo baafataniin:
“1. Hanga gaaffiin barataa Oromoo akkasumas ilmaan Oromoo deebi’utti,
2. Hanga humni faannoo amaaraa Oromiyaa gadi dhiisee bahutti,
3. Hanga uummanni keenya qe’ee isaarraa buqqqa’e qe’ee isaatti deebi’utti akkasumas, hanga daangaan keenya nuuf kabajamutti,
4. Hanga barattoonni Oromoo sababa Oromummaa isaaniif hidhaman hiikamanitti,
5. Hanga mirgi abbaa biyyummaa keenya nuuf kabajamutti,
6. Hanga ajjeechaan lammiilee nagaa irratti raawwachaa jiru dhaabbatutti,
7. Hanga nageenyi amansiisaan nuuf bu’utti barnoota keenya itti fufnee barachuu hin dandeenyu.” jedhaniiru.
Utuu uummanni dhumaa jiruu sammuu nagaatiin barachuu akka hin dandeenye hubachiisanii, “haalli uummanni keenya keessa jiru yaaddessaa waan ta’eef, Mudde 12/2022 irraa eegalee hanga guyyaa hin beekamneetti barnoota kan dhaabnu ta’a.” jedhaniiru.