Mormii barattoonni taasisan torban lammaffaa itti fufeera.
<Sagalee Qeerroo ~ Mudde 12/2022>
Barattoonni Yuunversiitii Wallaggaa Damee Gimbii lagannaa nyaataa taasisuun mormii eegalaniiru.
Ajjeechaa, weerara, saamichaafi qe’eerraa buqqaasuu hidhattoonni Amaaraa taasisan mormuudhaan barattoonni Oromoo Yuunversiitiifi manneen barnootaa adda addaa keessa jiran hiriira ba’uun sagalee mormii dhageessisaa turaniiru. Torban lammaffaanis har’a itti fufeera.
Addi Bilisummaa Oromoo akka uummanni diina weearara itti bane ofirraa qolatu waamicha dhiyeessuun ni yaadatama.