Giddaa Ayyaanaatti haleellaa Faannoon namoonni 12 ajjeefaman.
(Sagalee Qeerroo Mudde 22,2022)
Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaatti haleellaa haaraa tibbana humna goolessituu/finxaaleyyii Amaaraan raawwatameen lammiileen Oromoo 12 ajjeesamuu BBCn qondaala bulchiinsa naannoo sanii waabeffachuun gabaaseera.
Haleellaan kun kan raawwatame erga torban lamaan dura waraanni mootummaa naannoo sana seenanii as ta’uu hubachiiseera.
Haleellaan kun gandoota sadii Ona Kiiramuu daangessanitti Kibxata darbe kan raawwatamee yoo ta’u, haleellaa kanas kan raawwate Finxaaleyyii Amaaraa faannoo ta’uu qondaalli kun himeera.
Sagaleen qeerroo namoota haleella kanaan ajjeefaman keessa maqaa namoota 8tti argatee jira isaaniis.
1.ObboTaakkalaa Fufaa maatii isaanii nama afur(4) waliin
2.Dargaggoo Nugusaa Hirkoo
3.Aadde Yashii Gammachuu
4.Obbo Jamaraa Wiirtuu
5.Obbo Mangistuu Raggaasaa
6.Obbo Tamasguu Ayyaanaa
7.Obbo Iddoosaa Taakkalaa
8.Obbo Mokonnon Guddataa kanneen jedhamaniidha.
Gama biraan waraanni mootummaa naannoo kanatti sochoosame jedhamu nageenya lammiilee Oromoo eeguun hafnaan ofiifuu maqaa “Shanee” jedhuun namoota nagaa manaa gadi baasee ajjeesaa jiraachuu maddeen gabaasaniiru.
Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo jedhamanis Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa kan hin ba’in jiran yoo ta’uu, kan dura caalaatti humna isaanii jabeeffataa, Onootaa fi gandoota adda addaa keessa faca’anii balaa dhaqqabsiisaa, fi humni dabalataas Bulchiinsa Naannoo Amaaraa irraa itti ergamaa akka jiru kanneen keessa beekan himaniiru.
Weerara humni waloo finxaaleyyiin Amaaraa fi waraanni mootummaa Bilxiginnaa Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa irratti adeemsisaniin lammiileen Oromoo dhibbootaan ajjeesamuu, kumoota dhibbaan qe’ee irraa buqqa’anii dirree irratti faca’uu fi qabeenyi ummata kanaa tilmaamuun hin ulfaatu manca’uunfi ammallee manca’aa jiraachuun beekama.