Barataa Yuuniversiitii Bulee Horaa waggaa 4ffaa irratti sirni Oromoo fi oromiyaa hacuucu murtee dabaa dabarse.

Barataa Yuuniversiitii Bulee Horaa waggaa 4ffaa irratti sirni Oromoo fi oromiyaa hacuucu murtee dabaa dabarse.

Mudde 25/2022

Barataa Liiban Moluu Guyyoo Yuuniversiitii Bulee Horaatti Waggaa 4ffaa osoo baratuu qabee kan hidhamee ture murtiin dabaa  waggaa 6 itti murteeffame.

Liiban, Barataa seeraa ka waggaa 4ffaa Yuunvarsiitii Bulee Horaa ture yoo tahu yakka tokko malee seeraa tokkoon alatti ilma Hiyyeessaa Barnoota isaa irraa qabanii waggaa 6 itti murteessanii jiru murni ppn biyya afaan qawween hogganu.

Abbaan Liiban Moluu Guyyoo, waggoota dheeraan duratti Lafaaf Lafeef jecha dhabame! Maayaa-maatiin isaa, Liibanitti gutanii ganamaa jiran.

Murni pp qabsaa’ota haqaa dabalatee barattoota Oromoo qaroo manneen barnootaa irraa qabee hidhuun murtee dabaa itti murteessuun akka isaan abdii kutanii gaaffii eenyummaa fi sabaa hin yaadne gochuuf dhama’aa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *