Artst Sabboonaa Tafarraa Finfinnee keessatti humnoota tikaan ukkaamsame.

Artistoota Oromoo ukkaamsanii dhabamsiisuun ammas jabaatee itti fufee jira.

Sirni kaleessa Artistoota Oromoo qaroo Eebbisaa Addunyaa hanga Hacaaluu Hundeessaatti galaafate ammas Artistoota Oromoo ija ummataa tahan sagalee isaaniin quuqama isaanii ibsatan hidhuu fi dhabamsiisuu itti fufee jira.

Guyyaa har’aa Mudde 29/2022 Artistii Sabboonaa Tafarraa Finfinnee keessaa humnoota Tikaa sirna ppn qabamee achi buuteen isaa dhabamuun dhagahmeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *