Artist Zariyuun Wadaajoo dhibee hamaaf saaxilamuun Ummata gargaarsa gaafate.

Weellisaa Zarihuun Wadaajoo kaleen isaa lameen hojii dhaabuu erga beekamee ji’a sadii jedhan maatiin

(SQ-Amajjii 3,2022)

Weellisaa gameessi Zarihuun Wadaajoo dhibamee sireetti erga galee bubbulus kaleen isaa lameen hojii dhaabuun erga beekamee ji’a sadii ta’uu maatiin hime.

Weellisaan sirboota mirgaa fi geerarsaan beekamu Zarihun waggoota muraasa darban rakkoo fayyaa isa mudateen bakka adda addaatti yaalamaa kan ture ta’us rakkoon fayyaa walirratti daddabalamaa adeemuu haati warraa isaa Aadde Olaantuu Gammachuu BBC’tti himaniiru.

”Bara dheengaddaarraa ka’ee yaalamaa gidduuttis wayyaa’aa ture. Amma ammoo ji’a jaha dura itti cimnaan Hospitaala Hayaat geessinee achitti ciisee waldhaanamaa erga turee booda kaleen isaa hojii dhaabuu nutti himan” jedhu Aadde Olaantuun.

”Erga kaleen isaa hojii dhaabe jedhanii nutti himanii ji’a sadii ta’a. Onneen isaas xiqqoo rakkoo godhate, miilli isaa rasaasaan cabee tures gargar bahe” jechuun rakkoon fayyaa aartisti Zarihuun walirratti daddabalamuu himan.

Waggaa tokko dura yeroo dhukkubsatee ture rakkoon isaa dhibee sombaa fi qaama keessa akka ture itti himamee Adaamaatti yaalamaa turuu kan yaadatan Aadde Olaantuun, amma kaleen isaa lameen hojii dhaabuun cinaatti rakkoo onneen jiraachuus dubbatan.

”Bara wayyaanee miilla isaarra rasaasaan rukutamee lafeen cabee tures deebi’ee gargar bahee amma danda’ee hin ejjetu.” Torbeetti yeroo sadii Hospitaala Hayaatitti deddeebi’ee kaleen isaa qulqulleefamaa jira jedhu Aadde Olaantuun.

Waldhaansi kalee lamaan hojii dhaabaniif kennamu inni waaraan kalee bakka buusuudha. Waldhaansi kun ammoo biyya keessatti hin kennamu. Baasiin isaas olaanaadha.

Miidiyaalee hawaasaa gubbatti namootni beekamtii horatan kanneen akka gaazexessituu Masarat Dhaabaa ji’oota dura akkuma weellisaa gameessa Nuhoo Goobanaaf goote aartist Zarihuniifis manni akka bitamu duula maallaqa walitti qabuu gaggeessaa turte. Mana bituunis milkaaheera.

Maatiin erga manni bitamee booda haalli fayyaa aartistichaa ittuu hammaachuufi waldhaansi gatii qaalii akka barbaachisu gaafa dhagahan ammas uummatatti iyyachuu yaaddahuun callisuu aadde Olaantuun ni himu.

”Nuti dhoksinee ture. Waggaa kana namni hunduu nu wajjiin laffa’aa ture. Yaaluudhaafis mana binnas jedhee uummatni Oromoo Masarat Dhaabaa fa’a waliin manas biteera. Amma isa ji’a jaha dhukkubsate kanaaf dhoksine.””Manas bitanii amma maal jennee dubbanne jennee callifne” jedhu.

”Oromoof nama gatii baase, yoo waa ta’e namni nu komata jennee” akka ifa ta’u murteessinee kan jedhan haatii warraa, maatiin aartistichi biyaa alaa dhaqee waldhaansa barbaachisu akka argatu fedha qabaachuu himan.

”Intalli isaa ganna 23 Yunivarsiitii barachaa jirtu abbaan koo naaf hin fayya taanaan kalee koo nan gumaachaaf” jechuu himanii, adeemsa kana irratti garuu qorannoon dabalataa godhame akka hin jirre dubbatan.

Ogeeyyiin fayyaa aartisticha hordofan dursanii biyya alaa imalee waldhaansa malu akka argatu gorsanii jiraachuus himu.

”Waldhaansa kalee dhiquu argachuu dura of hin beeku ture. Ergasii amma of baree nyaatas xiqqoo xiqqoo nyaachaa jira” jechuun haala amma keessa jirus himaniiru.

Waldhaansa biyya alaatti argamuuf qophii maallaqaafi kaan gaafataman ogeeyyiin fayyaa xalayaa ni barreesinaaf jedhan akka qopheessan kan gaafatan ta’uus dubbatan.

Oda Award marsaan jahaffaa guyyoota dura gaggeefame Artiist Zarihuun Wadaajoof badhaasa umrii guutuu kennee ture.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *