Sarbama Mirga namoomaa Itiyoophiyaa keessatti adeemaa jiru ulfaataa tahuu HRW beeksise

Itiyoophiyaa dabalatee Hoggantootni Afriikaa Dhittaa Mirga Namoomaa Lamiilee irra gahamu Dhaabsisuu hin dandeenyee jedhe Jaarmiyaan mirga Namoomaa Human Raayitis watch.

(SQ-Amajjii 16,2023)

Afriikaa keessatti Itiyoophiyaa dabalatee hoggantooni Ardichaa sarbama mirga namoomaa lammilee irraan qaamota Nageenyaa Mootummaa fi Hidhattootaan gahamu dhorkuu hin dandeenye jechuun Jaarmiyaan mirga namoomaaf Falmu HRW beeksise.

Jaarmiyichi Gabaasa Addunyaa kan bara 2023 haala qabiinsa mirga namoomaa irratti tibbana baaseen, hoggantootni Afrikaa sarbama mirgaa dhaabuu dadhabuu dabatee sarbama mirga namoomaa Ardichatti mudateef itti gaafamummaas ta;e haqni akka argamuuf yaalii homaatuu hin goonee jedhe
Kanaafuu dhaabbilee akka Gamtaa Afriikaa atattamaan akka tarkaanfiiwwan fudhatanii fi wixineen ittiin mirgi namomaa haalaan to’atamu fi naannoo waraanaa keessaa ittiin gabaafamu dabalatee midhaan namoomaa cimaan akka hin mudanneef xiyyeeffanoo fi furmaatni waaraa barbaadamuu akka qabu yaadachiissera jaarmiyaan kun
Itti dabalunis, bara 2022 keessatti rakkoowwan muraasa furuudhaaf yaaliiwwan naannichaa keessatti fedhii siyaasaa gahaa fi hoggansi dhabamu, lammiileen nagaa lakkoofsaan hin beekamne waraana keessatti danqamuun gara bahanii akka dhaban ta’aniiru’’ jedhan Daareektarri Dhaabbata Humaan Raayitis Wooch Afriikaa, Maawusii Seguun.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaan darbaniif gaggeeffame jiraattoota naannoolee Tigraay, Amaaraa fi Affaar irraan miidhaa cimaa qaqabsiisuu gabaasni kun himeera.
Kana malees waraanni mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo waliin gaggeeffamaa jiru cimee itti fufeera jedha gabaasni HRW baase .

Dhaabbatichi,Burundii galaalchessitonnii addaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Itoophiyaatti ammo oggeessoonni Komishinii mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii fi Komishinii mirga namoomaa Afriikaa akka biyya hin galleef dhorkaniiru jechuun himateera.

Rakkoolee kanneen irratti qabsaa’udhaaf yaaliiwwan sirrii fi qorannoon walabaa kan barbaachisu yoo ta’u, kaneen guutuu afriikaatti sarbama mirga namoomaa fi yakkatti gaafatamo ta’an ittigaafatamoo gochuuf haqi walabaa barbaachisaadha.’’

Guutuu Afriikaatti baqattootni fi godaantootni sababiiwwan walitti bu’insa hidhattootaa, hacuccaa, walitti bu’iinsa hawaasaa, iyyummaa fi rakkoo haala qilleensaatiin bakka jireenyaa isaanii irraa buqqaafamu jedha Gabaasni bahe kun.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *