Galma kee qaqqabuuf ka’umsa kee beekuun murteessaadha!
Dhaabni Oromoofin qabsaaha ofiin jedhu kamuu aangoo barcumaa qabachuuf qofa osoo hin taane sirna sabichaaf tahu lafa qabsiisee ummatni sirna barbaadu sanaan akka jiraatu gochuudha.
ABOn aangoof bololuuf osoo hin taane biyya Oromiyaa ijaaramte keessatti ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa sirna Oromiyaan akka bulaniif sirna Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuuf hojjetu dura dhaabbatee kan ummatni barbaadu ummataaf fiduuf qabsaa’a.
ABOn calqaba irraa eegalee aangoo barcumaa qabachuuf osoo hin taane Biyyi Oromiyaa jedhamtu akka jirtu kaartaan argisiisee sabni Oromoo jedhamu immoo kan Afaan Oromoo dubbatu jira jechuuf sirna sanaaf tahu hundeessuuf akeekaa fi kaayyoo isaa godhatee heeraa fi seera baafatee qabsoo eegale.
Har’a ABOn qabsoo godheen waan itti milkaaye keessaa Biyyi Oromiyaa jedhamtu kaartaan sararamtee jiraachuu ishee fi Qubeen Afaan Oromoo sabni Oromoo kan kooti jedhee ittiin boonu lafa qabsiisuu irratti milkaayee jira.
ABOn har’as akkuma kaleessaa qabsoon gaggeessaa jiruun kan itti milkaaye kunuunsachaa kan isaaf hafeef ummata isaa waliin dhalootni akka itti qabsaa’ee kan isaaf tahu ijaarratuuf xurree argisiisaa as gahe ammas adda dureen itti himaa dhaloota qabsootti dammaqsaa jira.
ABOn hoggana waloon kan hogganamu waan taheef yaada Ummata isaa fudhatee Ummata isaa waliin qabsoo gaggeessa malee aangoof bololuuf miti.
Ha’a Ummatni Oromoo qabsoo ABOn gaggeesseen waan baayyee argatee waan isaaf hafeefis qabsootti jira.
Qabsoon Oromoo inni guddaan amma fuuldura keenya jiru Oromiyaa irratti Sirna Oromoo fi lammiilee Oromiyaaf tahu kan nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu taasisu lafa qabsiisuudha.
Dhalootni qubee yeroo qabsoo gaggeessu yeroo hunda waan yaadatuun irra jiraatu ykn sekondii tokkoof illee dagachuu hin qabne qabsoon Oromoo ABOn durfamu eessaa ka’ee eessa gahe , maal barbaacha qabsoon qabsaa’ota qaalii lubbuu isaanii deebii hin qabne kennaniin eegalamee as gahe maaltu argame maaltu immoo nu hafe jedhee waan argate kunuunsachaa kan hafeef kaayyoo qabsaa’ota qaalii kufanii galmaan gahuuf Irbuu ofiif seenee galma isaa dhaloota boruuf dabarsuun akka nagaan jiraatan gochuu qaba.
Kaayyoo fi akeekni ABO namoota dhuunfaa duuromsuuf ykn aangootti ol baasuuf osoo hin taane Ummata Oromoo aangomsee Oromiyaa nagaa fi tasgabbii qabdu keessatti mirga abbaa biyyummaa akka jiraatu gochuudha waan taheef dhalootni imala qabsoon Oromoo ABOn durfamu bara 1960ta keessa eegalte eessaa kaatee eessa akka geesse maaltu argamee maaltu immoo hin argamne jedhee warra akka bakka amma geenye kana akka geenyuuf aarsaa kaffalanii darbanii jiraachuu keenyaaf wabii tahan yaadachaa warra ammas aarsaa lubbuu kaffalanii kaayyoo qabsaa’ota ganamaa galmaan gahuuf ABO jalatti heeraa fi seera ABOn taliigamee yoo itti fufe qofa tahuu beekuu qaba.
Hanga sirni Oromoo fi lammiilee Oromiyaaf tahu Oromiyaa keessatti hin jiraanne hidhaa fi ajjeechaan akka nurraa hin dhaabbanne xinxalee arguu dhaloota har’aa hin feesisu waan amma Oromiyaan itti jirtu qofa ilaaluun gahaadha.
Qabsoon ABO eessaa ka’ee eessa akka gahee yoo dhaabbannee illaalle dhaloota har’aaf xiiqii itti horee kan hafeef akka xumura itti godhuuf kakaasa.
Qabsaa’otni Oromoo ABO hundeessan qabeenyaa barbaacha miti bara dukkanaa wal arguuf rakkoo tahe keessatti bara tekinooloojiin akka ammaa ittiin wal quunnaman hin jirre keessatti bara geejibni ittiin imalan hin jirre keessatti Oromummaa qofaan wal barbaaduun deemsa sirbibbiin guutame sana keessatti akka dhaabni Ummata Oromoof quuqamu tokko as bahu godhanii har’a miliyoonotaaf xurree banan malee qabeenya dhuunfaa ykn aangoo argachuuf hin turre.
Dhalootni har’aa qabeenya boru dhiisnee irrraa godaannuuf jennee kaayyoo fi akeeka jaallan qabsoo bara dukkanaa eegalanii kumaatamaan itti wareegamanii kumaatamaan achi buuteen isaanii dhabame galmaan gahuuf imala isaan irra deemanii as gahan sana yaadannee maal barbaacha qabsoo eegalan maaltu argame maaltu immoo hanqate jennee Irbuu jaallan qaalii lubbuu isaanii kennanii darbanii yoo galma geenye Ekeraan isaanii boqochuu dandaha.
Dhalootni Qubee nama dhuunfaa aangootti baasuuf ykn aangoo nama dhuunfaa tiksuuf osoo hin taane SIrna Oromoo duguugaa ture ammas duguugaa jiru, sirna Oromiyaa ijaaru dandahu ijaarrannee Oromiyaa badhaate keessatti nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu gochuuf Irbuu ofii fi waliif gallee qabsoo galma geesisuu qabna.