Liiban Cuqqaallaatti waraanni pp Dargaggoo tokko qabee ajjeesuun gate.

Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti  ilmaan Oromoo ajjeesuun itti fufe.

 

Gurraandhala 9, 2023

Giddu galeessa Oromiyaa Baha Shaggar, aanaa Liiban Cuqqaalaa  ganda Ilmoo Cuqqaalaa iddoo addaa Waaccuu jedhamuun beekamutti,  dheengadda Guraandhala 6/2023 qeerroo maqaan  isaa Hawwaasoo Odaa jedhamu ajjeesan.

 

Qeerroo Hawwaasoon waraana faashistii PPn halkan manaa gadi baafamee hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabda jedhamuun rasaasa itti roobsanii ajjeesan.

 

Akka hawaasni naannichaa jedhutti Dargaggoon kun tuttuqaa siyaasa kam irraayyuu bilisa kan ta’ee fi hawaasaa biratti nama fudhatama guddaa qabu ta’us, murni ilmaan Oromoo qaroo ajjeesuun Oromoo jaamsuu irratti hojjechaa jiru badii tokko malee irbaata rasaasa taasisanii jiru.

Aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti Oromoonni hedduun yeroo gara yerootti ajjeefamaa fi hidhamaa turuu gabaasaa turre.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *