Walisootti Abboota Amataa Ortodoksii Sinodosii Oromiyaaf simannaan godhame

Sinodosii Oromiyaa fi sabaaf sablammoota Oromiyaa Abbaa Saawiroosiin durfamuuf Walisootti simannaan ho’aan taasifame.

Guraandhala 9/2023

 

Erga sinoodosiin Oromiyaa fi sabaaf sablammoota Oromiyaa torban lama dura kibba lixa shaggar magaalaa walisoottiย  hundaayee mormii fi wal dura dhaabbannaan sinodosii maqaa Itiyoophiyaan jiru waliin jiraatus Oromiyaa guutuu keessatti lammiileen Oromiyaa sinodosii haaraa Oromiyaa fi sabaaf sablammoota Oromiyaa haala hin eegamneen olitti simataa jiraachuu suuraaleenii fi waraabbiileen ni mul’isu.

Haaluma kanaan dursaan sinodosii Oromiyaa fi sabaaf sablammoota Oromiyaa Abbaa Saawiroos guyyaa har’aa gara teessuma isaanii kibba lixa shaggar magaalaa Walisootti yeroo imalan simannaa ho’aa fi haala ajaa’iba jedhamuun magaalaa Sabbataa irraa eegalee magaalota keessa kutanii darban hunda keessatti ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa huccuu adii uffachuun fardeenii fi konkolaatotaan simannaa ho’aa godhaniiruuf.

Yeroo ammaa kanas lammiileen Oromiyaa amantii kiristaana Ortodoksii hin hordones gammachuun obboloota isaanii amantaa kiristaana Ortodoksii tahan cinaa hiriiruun muudama sinodosiin Oromiyaa fi sabaaf sablammoota Oromiyaaf abbaa Saawiroos kennan Afaan ofiin baratanii barsiisuu tumsaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *