Murni ppDargaggoota Oromoo mana hidhaa keessatti rifeensa Qaruuraan irraa haadan

Godina lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti maqaa WBO deggertu jedhuun qabanii hidhanii qaruuraan mataa irraa haadaa jiraachuun dhagahame.

Guraandhala 10,2023

Murni faashistii PP Oromiyaa keessatti dargaggootni Oromoo akka diddaa hin agarsiifneef maqaa hidhata siyaasaa qabdu jedhuun sobaan yakkee mana hidhatti galchuun dararaa irraan geessisu akkuma hammeessee jira.

 

Haaluma kanaan  godina lixa Harargee ona  Odaa Bultum araddaa  Bariisoo 2 jedhamtutti dargaggoota  67 hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabduu fi as keessa teessanii haala mijeessituuf jechuun qabanii erga hidhaniin booda qaruuraan rifeesa gogaa  irraa haadaa jiraachuu dhagahame.

 

Dargaggoota  rifeensi irraa haadame keessaa kan maqaa arganne :

1,Hasan Umar,

2, Firoomsaa Abdurhamaan,

3, Yooseef Mawnnaayee, 4,Gaaddisaa Ahimed yoo ta’u haadha Oromoo Aadde Ashaa Mahaammad jedhaman irratti immoo reebicha hamaa irraan ga’anii jiraachuu maddeen naannichaa nuuf gabaasa.

 

 

Ona Odaa Bultum keessatti uummata nagaa jireenya isaanii mo’achuuf guyyuu tattaafatan dantaa siyaasa isaaniif hojii irraa qabanii waltajjiin dararaa fi maqaa garaagaran maallaqa irraa funaanaa, ilaalcha siyaasaa biroo uummatni hin qabneen yakkanii hidhuu fi reebuun jireenyicha dachaa itti hadheessuu kan nuuf himan jiraattoota  ona  Odaa Bultumi.

 

Uummatni Oromoo maqaa magaalaa Shaggar ijaarran bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessaa buqqa’an rakkachaa jiraachuun barame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *