๐๐ข๐ซ๐ ๐จ๐จ๐ง๐ง๐ข ๐๐ฎโ๐ฎ๐ฎ๐ซ๐๐ ๐๐๐ค๐ค๐๐ ๐๐ข ๐๐๐ซ๐จ๐จ ๐๐๐ฆ๐ข๐ญ๐ญ๐ฎ๐ฎ ๐๐๐๐๐ฃ๐๐ฆ๐ฎ๐ฎ ๐๐๐๐ฎ.
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo โ Gurraandhala 11,2023
Heerri Adda Bilisummaa Oromoo mirga amantaa lammiilee ni kabaja. Addi Bilisummaa Oromoo dhimma amantii keessa seenuu irraa of qusachuun barbaachisaa dha jedhee amana. Addi Bilisummaa Oromoo Sinodoosiin Oromiyaa, Saboota fi Sab-lammootaa seeraa fi mirgoota Waldaa Ortoodooksii Itoophiyaa, heera mootummaa Federaala Dimokiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaa fi mirgoota akka lammii Oromiyaatti qaban fayyadamuudhaaf mirga guutuu qabu jedhee amana.
Amantoonni amantaa hundaa bilisummaa namoota biroo osoo hin sarbin amantii isaanii hordofuu fi gaggeeffachuuf mirga akka qaban ni amanna. Haaluma kanaan lammiileen Oromiyaa seeraa fi naamusa amantaa isaanii fi Safuu Oromoo kabajuun Sinodoosii mataa isaanii tumsuu, deggeruu, deggarsa gurmeessuufii fi hordofuun mirga isaanii ti.
Bataskaanni Tewahidoo Ortodoksii Itoophiyaa seenaa keessatti sirnoota abbaa irree fi murnoota cunqursuudhaan beekamaniif beekamtii kennaa turte malee, gaarummaa manni amantaa kun ittiin yaadatamu gadi buโaa dha. Lafa garmalee dhuunfachuu fi saamuu, dubbii namummaa namaa xureessan balballoomsuu, loogii fi mirga afaan ofiitiin tajaajila mana kiristaanaa keessatti fayyadamuu ukkaamsuu fi kkf gochoota Bataskaannii Tewahidoo Ortodoksii Itoophiyaa ummata cunqurfamaa biratti ittiin beekamu keessaa isaan muraasa. Bataskaanni Tewahidoo Ortodooksii Itoophiyaa jalโina, loogii, daba miiraan miidhamuu fi safuu cabe kan amantoonni Bataskaannichaa mataan isaanii kaasan kana qalbifachuu dhabuun nama gaddisiisa.
Addi Bilisummaa Oromoo dhimma kana ilaalchisee, Bataskaanni Tewahidoo Ortodooksii Itoophiyaa haala keessoo isaa kana of keessatti deebiโee of ilaalee tarkaanfiwwan sirreeffamaa fudhatuun, kan yeroon ammaa gaafatu waliin araaramuun, egeree mana amantichaatiif baayโee murteessaa dha jedhee amana. Kanaanis itti gaafatamummaa itti aanee dhufu irraa baraaramuuf jecha kanneen akka golgaa siyaasaatti itti fayyadaman irraa of qulleessuun, Bataskaana Tewahidoo Ortodooksii Itoophiyaatiif baayโee murteessaa fi barbaachisaa dha.
Qaamoleen dantaa siyaasaa isaanii gaggeeffachuuf Bataskaana Tewahidoo Ortodoksii Itoophiyaa golgaa fi gola godhatan akka jiran Addi Bilisummaa Oromoos tahe lammiileen Oromiyaa sirriitti beeku. Kun ammoo yeroo ammaa kanatti Finfinnee keessatti jeequmsaa fi hokkorri akka kaโuuf sababa taโaa jira. Dhaabaa fi garee siyaasaa kam iyyuu, amantii akka golgaa fi meeshaatti fayyadamuudhaan dantaa siyaasaa ofii milkeeffachuuf dhimma itti bahan gadi jabeesinee balaaleffanna.
Addi Bilisummaa Oromoo, lammiileen Oromiyaa hundi qaamoleen tokko tokko siyaasaa isaanii tarkaanfachiisuuf Bataskaana Tewahidoo Ortodoksii Itoophiyaatti dhimma bahuun hokkora Finfinnee keessatti balโisaa jiraniin miidhamuun akka hin jiraatne, eeggannoo guddaa akka godhanii fi sochii toโannaa hin qabne akkanaa irraa akka of fageessan yaadachiisa.
Maayii irratti rakkoon buโuuraa nagaa dhabuu Itoopiyaa lolli Oromiyaa fi Itoophiyaa gidduu jaarra ol lakkoobsise furamuu hanqatuu irraa tahuu kanneen dhimmi ilaalu hundaa yaadachiifna. Itoophiyaan nagaa kan argattu hariiroon lolaa Oromiyaa fi Itoophiyaa gidduu furmaata yoo argate qofa. Itoophiyaan rakkina kana furuu yoo murteessite ABO gahee isaa bahatuuf qophii tahuu ibsa.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 11, 2023
Finfinnee