Paartileen mormitoota 10 adeemsa marii biyyolessaa irratti ibsa karaa komishinii marii biyyoolessaa kenname morman.

Paartileen mormitoota 10 adeemsa marii biyyolessaa irratti ibsa karaa komishinii marii biyyoolessaa kenname morman.

(SQ-Bitootessa 2,2023)

Tibbana itti aanaan komishinii marii biyyoolessaa obbo Yonaas Adayee gaaffiifi deebii tajaajila oduu Itoophiyaa waliin taasisaniin “paartilee siyaasaa seerawaa ta’aniifi warra adeemsa marii biyyoolessaa kanarraa shakkii qaban waliin mari’annee wal amantaarra geenyeerra” jedhanii erga ibsanii booda, Paartileen mormitootaa Itoophiyaa keessa jiran 10 waliin ta’uun gamtaa uummatanii sochii siyaasaa gochaa kan jiran har’a ibsa baasaniin yaada itti aanaa komishinarichaa fudhatama dhabsiisaniiru.

“Ibsi kenname dhugaarraa kan fagaatedha” kan jedhe ibsi paartilee siyaasaa kun, amma duras gaazexaa Riporter fi TV Mootummaa Naannoo Amaaraa irratti odeeffannoon dogoggoraa akkasii kennamuusaa ibsan.

Yaanni kunis yaada dhunfaa itti aanaa komishinarii Sanaa ta’uu ibsuudhaan sadarkaa komishinii marii biyyoolessaatti yaanni kun kan hin jirre ta’uusaa kan hubachiisu komishinii marii biyyoolessaa ibsa namni dhuunfaan kun kennan fuula miidiyaa irraa haqsiisuu isaas ibsa paartilee kana keessatti eeramee gocha kanaafis dinqisiifannaan komishinichaaf kennameera.

Haata’u malee, komishinichi dhoksaadhaan ykn harka duubaan utuu hin taane ifatti gochicha akka balaaleffatuufi nama dhuunfaa yaada kana miidiyaaleef ibse kana bu’uura labsii komishinichaatiin tarkaanfii akka irratti fudhatu paartileen kun gaafataniiru.

Ibsa paartilee kana keessatti komishinicha waliin wal arganii mari’atanii akka hin beekneefi garaagarummaan jiru ammallee akkuma jirutti ta’uunsaa ibsamee jira.

Dhumarattis, paartileen kunniin haga haalonni danqaa ta’an sirreeffamanitti qabsoosaanii kan itti fufan ta’uu ibsanii, qaamota dhimmi ilaalu waliin garuu marii eegalan kan itti fufan ta’uu hubachiisaniiru. Paartileen kaanis haala jiru kana hubachuudhaan gara paartilee tumsa waliin uummatan kanaatti akka makaman waamicha dhiyeessaniiru.

Paartileen mormitootaa tumsa waliin uummatanii jiran kun kan duraan 10 turan gara 15 ga’uun isaaniis ibsa kana gara jalqabaa irratti eerameera.

Dhimma kana irratti haga oduu kana qopheessinetti gama Komishinii Marii Biyyoolessaa Kanaan wanti jedhame hin jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *