Abiy Ahimad Ajajootafi Miseensoota Rayyaa Ittisa Biyya Oromoo ta’an 17 ol Rashanuun dhaga’ame.
(SQ-Bitootessa 10,2023)
Ilmaan Oromoo Rayyaa Ittisa Biyya Xoophiyaa Izii Gidduu Galeessaa keessa tajaajila turan 17 ol ta’an qajeelfama Abiyii Ahimad kenneen, Ajajaa Fildii Marshaal Biraanuu Juulaafi Ababaw Taaddasaa kennaannin kan rashanamaan ta’u odeessi nu qaqqabee ifa godha. Sababi jumlaan rashanamu isaanii ammatti waanti adda ba’e hin jiru.
Ajajoonnifi miseensoonni RIB kun kan ajjeefaman kaleessa Bitootessa 9, 2023 yoo ta’u bakki isaan itti ajjeefaman immoo naannoo waarshaa Sukkaaraa Wanjiiti ta’u odeessi arganne ifa godha.
Ajajoonni fi Miseensoonni RIB rashanamaan kunneenis:
1. Koloneen Hambisaa Geetachoo
2. Koloneel Baayyuu Caalaa
3. Ajajaa dhibbaaa Galataa Xaafaa
4. Ajajaa dhibbaa Umar Mohammed
5. Ajajaa shantamaa Kadir Mohammed
Dabalatee namoota 17 kan rashanamee yoo ta’u maqaa warreen kaani fi sababa rashanamuu isaanii akkuma arganneen kan beeksifnu ta’a.