Humni waraanaa naannoo somaalee Cinaaksanitti dhukaasa baneen lubbuu namoota 3 galaafate.

 

Harargee Bahaa Cinaaksanitti Humni hidhate kan naannoo Somaalee dhukaasa baneen lubbuu namoota 3 galaafate.

Bitootessa 9/2023

Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaksanitti Guyyaa Har’aa Bitootessa,9,2023, hidhattoonni naannoo soomalee Ummata nagayaa irratti dhukaasa bananiin miidhaan cimaa ummata irraa qaqqabsiisee jira.
Akka maddeen naannichaa jedhanitti bakkoota Makkaniisa Oromoo fi Eel hamar fi Eela Jaarsootti lola ummata irratti bananiin lubbuun namoota 3 Yoo darbu namoota 8 immoo madeessaniru.
Namoota Wareegaman maqaan isaanii:
1 : Hasan Abiib Askar
2: Mawluud Mahamad Aadam
3: Badri Abdi Burgal kanneen jdhamanidha.
Humni hidhate kan naannoo Somaalee ku. yeroo ammaa iddoo Tiiro jedhatti Lola baneen itti fufee jiraachuun beekameera

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *