Harargee lixaatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo qallabdu jedhuun hidhaan jabaatee itti fufuu jiraattonni himan.

Harargee lixaatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo qallabdu jedhuun hidhaan jabaatee itti fufuu jiraattonni himan.

(SQ-Hagayyaa 8,2022)

Waraanni faashistii Bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti uummata nagaa hidhaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasuun keenya kan yaadatamudha.

Haaluma kanaan Hagayya 2,2022 waraanni Mootummaa Bilxiginnaa godina Harargee lixaa aanaa Mi’eessoo magaalaa Asabootii fi ganda Daalachaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo qallabdu jedhuun uummata nagaa jumlaan hidhaa jiraachuu maddeen nuuf himan.

Aanaa mi’eessoo keessaas uummanni nagaa badii tokko malee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun hidhama jiru kan jedhan maddi keenya hojii hojjechuufis ta’e lubbuun jiraachuuf iyyuu yaaddoo keessa jirra jedhu.

Godina Harargee lixaa keessatti namoonni hidhama jiran heddu yoo ta’u isaan keessa kan maqaan isaani nu ga’e,

1,Maammaa Muusaa
2,Abdii Tukkee,
3,Mahammad Adam,
4,Yaasinoo Hasan,
5,Abraahim Adam,
6,Usmaan Abdii,
7,Jaabir Abbaa Jabbii,
8,Abdallaa Ammadoo fi kanneen biroo maqaan nu hin ga’in jiraachuu maddeen maddeen keenya nuuf himan.

Namoonni hidhaman kunneen badii qabaatanii osoo hin taane maqaa waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhu itti manxasuun hidhatti gidirsa jiru jedhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *