Qabsaawota Oromoo mana hidhaa Buraayyuu jiran dhukkubsatanii yaala dhabuun qarqara du’a arra gahanii jiru.
Ebla 9/2023
Qabsaawota Oromoo waggoota arfan dura kan yakka tokko malee murni biltsiginnaa qabee hidhee himata tokko malee manneen hidhaatti dararaa kan jiru yoo tahu yeroo ammaas dhibee adda addaaf saaxilamuun baay’ee hubamanii jiraachuun beekame.
Miseensi GS ABO jaal Kennasaa Ayyaanaa waggoota afur dura kan hidhamee mana hidhaa Buraayyuu tti argamu yeroo adda addaatti dararaa irra gaheen yeroo ammaa miidhaa hamaaf saaxilamee dhaabbatee deemuu dadhabee kiraanchiin akka dhaabbataa jiru barame.
Qabsa’aa gameessi jaal Kennasaa Ayyaanaa qabsoo Oromoo ABOn durfamu keessatti umurii isaa ijoollummaa irraa eegalee qabsoo keessatti gumaacha guddaa kan godhaa turee fi bu’aa Ummati Oromoo qabsoon argate keessatti dhaloota itti leenjisuun dirqama isaa bahachaa kan ture yeroo ammaa immoo yakka tokko malee manneen hidhaa adda addatti erga dararamaa turee booda gara mana hidhaa magaalaa Buraayyuu jirutti jaallan qabsaahota haqaa biroo waliin hidhamee daraaraa argaa kan jiran yaala dhabuun lubbuun jiraachuuf illee yeroo ammaa akka rakkataa jiru beekame.
Jaal Kennasaa Ayyaanaa dabalatee qabsaawota haqaa fi hoggantoota ABO kanneen biroon badii tokko malee magaalaa Buraayyuu tti sababa ABO tahan qofaaf dararamaa dhibee adda addaaf saaxilamuun yaala illee dhabanii sireetti galanii ciisaa akka jiran maatiin qabsaahota kanneen ni dubbatu.
Qabsaawotni Oromoo magaalaa Buraayyuu tti hidhamanii jiran abbaan alangaa himata kan irraa hin qabnee fi maaliif akka hidhaman kanneen hin beeknee akkasumas eenyu illee dhimma isaaniif kan furmaata kennuu dandahu dhibuu irraa rakkoo hamaaf saaxilamuun waggoota arfan darban hidhamanii daraaraa argaa yaalas dhabanii jiru.