Mootummaan Bilxiginnaa Harargee Lixaatti ilmaan Oromoo Dirqamaan dirree waraanaatti guuraa jiraachuu jiraattonni himan.
(SQ-Onkoloolessa 4,2022)
Mootummaan faashistii Bilxiginnaa Kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti maqaa gargaarsa raayyaa ittisa Biyyaa jedhuun uummata nagaa hiraarsaa jiraachuu fi Ilmaan Oromoo dirqamsiisuun gara dirree Waraanaatti guuraa jiraachuj irra deddeebiin gabaasaa turuun keenya kan yaadatamudha.
Haaluma kanaan Onkoloolessa 3/2022 Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa qorichaa fi gandoota baadiyyaa hedduu keessaa Ilmaan Oromoo umuriin isaanii waraanaaf hin geenye dirqamsiisuun gara dirree waraanaatti ergaa jiraachuu maddeen SQtti himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Kaadiroonni Bilxiginnaa Daa’imman Umuriin isaanii Waraanaaf hin geenye goyyomsuunii fi dirqamsiisuun osoo maatiin isaanii boo’anii gara mooraa leenjiitti fe’aa jiru jechuun, Mootummaan Bilxiginnaa gocha gara jabeenya hamaa nurratti raawwachaa jira jedhu.
Mootummaan faashistii Bilxiginnaa daba ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.