Humni Addaa Naannoo Amaaraa dhukaasa ummata Oromoo qalloo irratti baneen namni 5 wareegame

  • Humni Addaa Amaaraa Uummata Oromoo Walloo irratti lola banuun namoota 5 ol ajjeesun 5 madeessun dhaga’ame.

    (SQ-Ebla 10,2023)

    Yeroo amma kana naannoo Amaaraatti Poolisii humna Addaa Amaaraa fi Rayyaa Ittisa Biyya giddutti loli kan deema jiru yoo ta’u. Poolisiin Humna Addaa Amaaraa akkuma amma dura uummata Oromoo Walloo irratti haleellaa raawwatu guyyaa kaleessa Ebla 9,2023 irra eegaluun Oromoota Walloo irratti lola banu odeessi SQ ifa godha.

    Humni Addaa Amaaraa lola RIB waliin geeggeessa jiru gara sabaatti jijjiiruuf haleella Oromoota Walloo irratti bane kan jedhan maddi keenya loli kun Godina Walloo Onaalee akka Jiillee Dhummugaa fi bakkoota adda addatti geeggeefama jira jedhu.

    Yeroo oduu kana qindeessinetti namooti ajjeefaman 5 yoo ta’an isaaniis
    1 Ahmaduu Md Hajii Ganda Dullaa irra
    2 Muhammad Ammiishaa Baxxeerraa iirra
    3 Aliyi Md Haji Warra Abboo irra
    4 umar Ali Admashaa warra Abboo irra
    5 mussaa Md Xinnaa warra Abbo irra kanneen jedhaman kan wareegaman yoo ta’u namoonni 5 ammoo mada’uu odeeffanneerra isaaniis.
    1 Ahmade Baxxee Arbaafano
    2 Abdallaa hasan Arbaafano
    3 Aliyi Ahmad umar Gooroo bordogee
    4 Aliyi Hasan usman Arbaafano
    5 Ahmad umar Ammee kanneen jedhaman kan mada’aanidha.

    Yeroo amma kana walloo bakkoota heddutti oli humni addaa Amaaraa bane jabaate itti fufee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *