Midhaan Gargaarsaa Gurguramaa jira jedhe Dhaabbatni Mootummaa Gamtoomanii jedhe

 

Gargaarsi namoomaa Itoophiyaaf arjoomame gabaarratti gurguramaa jira jedhe jaarmiyaan mootummoota gamtoomanii.

(Ebla 11,2023)

Dhaabbani Sagantaa nyaata mootummoota gamtoomanii namoota sababa lolaafi hoongeetiin nyaata barbaadaniif gargaarsi argamee ture yoroo ammaa seeraan ala gabaa irratti gurguramaa jira jechuun beeksiseera.

Dhaabbata gargaarsa Amerikaatu kennee ture kan jedhame kuni karaa inni man-kuusaa keessaa bahe osoo hin beekamiin seeraan ala gabaarratti gurguramaa jira.
Namoota rakkina keessa jiraniif gargaarsi argame iafatti gabaarratti gurguramaa jiraachuunsaa akkaan nuyaaddesseraa jedhani Itoophiyaatti hoogganaan sagantaa nyaata addunyaa Kilaawud Jibidaar.

Dhaabbileen isa wajjin hojjetan akkatti midhan sunii hatamee bahe odeessa yoo argattan hojjetoota keenya, yookiin qaama mootummaa isinitti dhihoo jiruuf eeruu kennaa jechuun xalayaa Ebla 5, 2023 barreesseen gaafateeera, jaarmiyichi.

Dhaabbatichi midhaan gargaarsaaf biyya seene hatamee gurguramaa jiraa jedhe malee eessaattiifi eenyuutiin akka tahe ifatti hin beeksisfe. Garuummoo jala buโ€™een qorachaan jiraa jedheera.

Reewutersi hojjettoota dhaabbatichaa maqaa naaf dhoksaa jedhan lamarraatii odeeffadhe akka jedhettimmoo dhiheenya midhaan namoota kuma 100 gargaaru kan dandahu man-kuusaa isaa isa naannoo Tigiraay, magaalaa Shiree jiru keessaa hatameera.

Garuu gargaarsi dhufe suni eenyuun akka hatame hojjettootni kuni hin himne. Kanaan duras gargarsi namoomaa man-kuusaa sana keessaa waraana Eritiraatiin akka hatamee ture maddi oduu kanaa Riiyootersi yaadachiiseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *