KFOn ‘sirni mootummaa waloo hunda hirmaachise’ akka bundeeffamu gaafate.
KFOn walga’ii koree gidduu dhaabichaa guyyaa lamaaf ture booda har’a miidiyaaleef ibsa kenneera.
Dhaabichi ibsa isaa kanaan marii araaraa WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti geggeeffamaa jiru akka deeggaru erga ibsee booda, “mootummaan waloo hunda hirmaachise akka hundeeffamu” jechuudhaan gaafatee jira.
Yaadicha irratti ibsa dabalataa kan kennan hogganaan dhaabichaa Prof. Mararaa Guddinaa, “mootummaan kun ‘mootummaa ce’umsaa’ yommuu jedhamu waan jibbuuf ykn sodaatuuf, mootummaan waloo hunda hirmaachise akka hundeeffamu gaafanna” jedhan.
ABOn waggaa lama dura Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa labsee turuun ni yaadatama. Waraanni Bilisummaa Oromoos marii araaraa tibbanaa irratti mootummaan ce’umsaa akka hundeeffamu gaafateera.