Shaggar lixaa Baakkootti Maqaa WBO golgaa godhachuun saamtotni bobbaafaman ummata dararaa jiru.

Saamtotni Eenyummaan isaanii hin beekamne Baakkoo fi naannoo isheetti maqaa W30 balleessaa jiru.

 

Tibbana erga Araarri W30 fi mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti Taanzaaniyaa  odola Zaanzibar irratti gaggeeffamee as hattootni bakkoota adda addaatti maqaa gooticha abdii sabaa W30 balleessuuf guyyaa guyyaa namootatti bilbilanii doorsisaa akka jiranii fi halkan immoo reebicha afisaamicha gaggeessaa akka jiran maddeen garaagaraa nuuf gabaasaa jiru.

 

Akka maddeen keenya nuuf himaa jiranitti shaggar Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbee fi naannoo ishee , Wallaggaa Bahaa Aanaa sibuu siree fi aanaa Aannoo dabalatee humnootni shiftaa fi saamicha bare maqaa W30 dahoo godhachuun ummata irraan saamicha raawwachaa jiraachuun beekameera.

 

Namootni maqaa W30 dahoo godhatanii saamuu baran ummata irratti tibbana bifa adda taheen maqaa W30 xureessuun saamicha gaggeessuu fi bilbilaan namoota qarshii gaafachaa akka jiran toora lakkoofsa bilbila isaanii dabalatee nu qaqqabaa jira.

 

Ummatni keenya ammas akkuma kanaan duraa W30 ummata isaaf kan qabsaahu malee ummata isaa irratti kan saamicha gaggeessu akka hin taane hubattanii namoota maqaa gooticha Abdii sabaa tibbana fuula Addunyaatti fudhatama argatee dhimmi isaa dubbatamaa jiru baleessuuf gareen saamichaaf wal qindeessee ummata keenya saamuu bare ammas ummata keenya bifa haaraan saamichatti bobba’ee akka jiru bartanii namoota kanneen maqaa isaanii fi suuraa isaanii akkasumas lakkoofsa bilbila isaanii waliin akka saaxiltan dhaamsa keenya dabarfanna.

 

Namootni Shaggar lixaa Aanaa Baakkoo fi naannoo isheetti yakkoota saamichaa raawwachaa jirtan ammatti lakkoofsi bilbila keessanii nu harka galee waan jiruuf eenyummaaa keessan akkuma arganneen qaama kamiyyuu yoo tahe saaxiluuf ni dirqamna.

 

Ummatni keenyas gochaa hamaa akka kanaa namoota raawwatan kanneen beektan saaxiluun akka gochaa kana irraa dhaabbataniif gargaara waan taheef sodaa tokko malee hattootaa fi saamtota maqaa gooticha W30 balleessuuf ummata biratti akka jibbamuuf ummata irratti yakka raawwatan saaxiluu qabdu.

 

W30 Ummata isaaf aduu fi rooba osoo hin jenne beelaa fi dheebuu dandamatee kan qabsaa’u malee kan ummata isaa saamu waan taaneef garee qindaayee yakka kana raawwatu ummatni W30 waliin tahuun ummataaf saaxiluu qabaan dhaamsa keenya.

 

Namooti Caamsaa 8/2023 halkan keessa baadiyyaa Baakkoo keessatti qonnaan bultoota saamuun dararaa hamaa raawwattanii fi naannoo Tibbeetti loowwan ummataa saamtanis akka loowwan ummataa deebistan yoo deebisuu baattan maqaa keessanii fi suuraa keessan eenyummaa keessan guutummaa saaxiluuf kan dirqamnu tahuu isin hubachiisna.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *