Shawaa Bahaa Liiban Cuqqaalaatti Caasaan Bilxiginnaa qabeenya qonnaan bultoota mancaasuun dhaga’ame

 

Shawaa Bahaa Liiban Cuqqaalaatti Caasaan Bilxiginnaa qabeenya qonnaan bultoota mancaasuun dhaga’ame.

(SQ-Caamsaa 16,2023)

Godina Shawaa Bahaa Ona Liiban Cuqqaalaa ganda Googoo bakka Naggaa Alamaayyoo jedhamutti caasaan mootummaa paartii Bilxiginnaa qabeenya nama Obbo Huseen Abdukadiir jedhamu jala barbadeessu maddeen SQtti himan.

Obbo Huseen waggaa Afur dura ganda Googootti galun hojii qonnaa irratti bobba’uun hojjechaa jiru kan jedhan maddeen keenya, caasaan Mootummaa paartii Bilxiginnaa naannicha kashalaboota qindeessun qabeenya isaanii jala mancaasan jedhu.

Caasaan Bilxiginnaa qabeenya nama dhunfa kana jala balleessun akka waan WBOn gocha kana keessa harka qabutti odeessa facaasa jiraachuus odeeffanneerra.

Bakka WBO’n keessa socho’uutti caasaan Bilxiginnaa maqaa WBO gurracheesuuf yeroo adda addatti hojii daba uummata irratti hojjechuun WBOfi uummata walitti buusuf yaaluus kan hin milkoofne ta’un beekamadha.

Maqaa WBO balleessuuf qabeenya Obbo Huseen Abdukarii kan macaasise Bilxiginnaan namoota gocha kana Raawwataniis Adaamaafi Mojoo irra gara sanatti geessa jedhu maddeen SQ.

Ammas dura Onuma Liiban Cuqqaalaati qabeenya nama dhuunfa tokko caasaan Bilxiginnaa jala mancaasu gabaasun keenya niyaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *