Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba hanga dhaabolee Oromoo hundaa kan tahe erga hundeeffamee bu’aa bahii hedduu booda har’a walakkaa jaarraa tokkoo waggaa 50ffaa isaa guutuu Addunyaa irratti kabajachuuf jedha.
ABO waliin dhaaboleen hedduun kan hundeeffaman yoo tahu yeroo ammaa kana ABO waliinis ABO duubas kanneen ijaaraman hedduun kan dhabaman yoo tahu ABOn garuu Ummata Oromoo waliin Oromiyaa keessatti ifee laboobee mul’ataa jira.
ABO har’a waggaa 50ffaa isaa yeroo kabajatu ba’aa bahii keessa darbee as gahe Oromoo fi Oromiyaan essaa ka’anii eessa gahan kan jedhu ummataaf qorannoon ni dhiyyaata .
Ummatni Oromoos ABO waliin eessaa ka’anii eessa akka gahan hubannoo ni fudhatu haalduree fuulduraas ni kaayyatu.