Kabaja Hundeeffama ABO waggaa 50ffaa ilaalchisee Ibsa ABO

 

KABAJAA AYYAANA WAGGAA 50FFAA HUNDEEFFAMA ADDA BILISUMMAA OROMOO (ABO)

Gootota Keenya Yaadanna, Bu’aa Arganne Kabajna, Egeree Keenya Karoorfanna!

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n jaarmiyaa bilisummaa mirga siyaasaa irratti hundaa’ee mirga waloo fi mirga dhuunfaa ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaatiif qabsaa’uu dha. Kaayyoon ABO, dhaabbataa fi yeroo hunda calaqqisaa deemu, mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo mirkaneessu, tiksuu fi eeguu dha. Addi Bilisummaa Oromoo mirga waloo beekamtii addunyaa argate ummata isaatiif dhugoomsuu dha. Kan qabsaa’uuf, bilisummaa fi dimokraasii ummatni Oromoo armaan dura gabroomfataa Habashaatiin sarbame deebisee argamsiisuu dha. Addi Bilisummaa Oromoo kan falmaa jiru birmadummaa fi gaaffii abbaa biyyummaa ummataa mirkaneessuuf osoo alagaan hin barbaachifne ummatni dhimma isaa irratti murteessaa akka ta’u gochuu dha. ABOn mirga hiree murteeffachuu dhugoomsuu qofatu bilisummaa, haqaa fi dimokraasii ummata Oromoo mirkaneessa jedhee amana. Haalli mirgi hiree murteeffannaa itti hin mirkanoofne kamuu jireenya ummata kanaaf balaa fida.

Impaayerri Itoophiyaa afaan, aadaa, sirna bulchiinsaa fi jiruu fi jireenya ummata Oromoo bal’eessuuf jaarraa tokkoo oliif waan humni isii danda’u gootee jirti. Ummatni Oromoo akkuma ummatoota biyyoota Afriikaa gabromanii miidhaa adda addaaf saxilamee jira. Impaayeerri Itoophiyaa gabrummaa Oromoo irratti ijaaramte. Abbootii irraa harka ciran; hayyoolee irraa harma muran; Dhirrii fi dubartootni akka looniitti gurguramanii jiru; lafti akkasumas biyyi Oromoo ni saamame. Oromoon akka namaa gaditti ilaalamee, maqaan salphinaa Gaallaa jedhamu itti moggafame. Haammeenyi ummatoota Afriikaa koloneeffataman irra gahe hundi tarii bifa caalaa sukkaneessaa ta’een ummata Oromoo irra gaheera.

Haa ta’u malee, mirgaa fi qabeenya, hawaasummaa, aadaa, dinagdee fi siyaasaa mootummaa gabroomfataa Itoophiyaa walduraa duubaan itti dhufeen saamame deebifachuuf qabsoo taasisaa ture. Ummatni Oromoo abbaa biyyummaa gabroomfataa Habashaatiin dhuma jaarraa 19ffaatti irraa fudhatame deebifachuuf osoo olee hin bulin qabsoo eegale. Falmaa adda addaa bifa adda addaan humna gabroomfataa irratti gaggeessa ture.

Qabsoon caalaa qindoomina qabu, Oromoo hunda hammatee fi kaayyoo fi mul’ata qabu bara 1973 hundeeffamuu Adda Bilisummaa Oromootiin eegale. Bara 1974, qabsoon Oromoo fi sochiin barattootaa dhaadannoo “Lafti kan qonnaan bulaa ti” jedhuun taasifame, Mootii Haayile Sillaasee kuffisee, Impaayera Itoophiyaa diige. Sirni Impaayerichaa diigamu illee, amalootni Impaayerattii keessatti mul’achaa turan hanga ammatti biyyiitti keessaa baduu hin dandeenye.
Qabsoon ummata Oromoo Adda Bilisummaa Oromootiin hogganamu, galii kaayyoo qabsichaa isa maayii irra hin geenye. Haa ta’u malee, bu’aaleen qabsoo kanaan argaman tokko tokkoo wayita ayyaana hundeeffama ABO waggaa 50ffaa ayyaaneffannu wajjin kabajnu ni jiran:

a) Tokkummaa Oromoo: Oromoon yoomu caalaa bara qabsoo kana keessa tokko ta’e; tokkummaan gabroomfataadhaan jalaa diddiigamee gara gosaatti, gandaatti, amantaattii fi k.k.f.tti faffaca’e ture, gara tokkummaa Oromootti deebi’e. ABOn qoqqoodama gama amantaan, gandaa fi bifa biraatiin mumul’atu hambisuun eenyummaa waloo Oromoo Oromummaa irratti hundaa’e ijaaruuf ciminaan qabsa’aa ture, itti jiras. Wareegamtootni qabsoo bilisummaa keessumaa ammoo wareegamtootni Shiniggaa tokkummaa Oromoo kana humni diinaa yoom iiyyuu cabsuu akka hin dandeenyetti dhiigaa fi lafee isaaniitiin gadi dhaaban;

b) Naannoo Oromiyaa: Lafti Oromoo hunduu dhuunfatameera yoo jechuu baanne iyyuu, Naannoon Oromiyaa baay’ina ummataatiinis ta’e bal’ina lafaatiin isa guddaa fi biyya Oromoo akka ta’e hubatamee daangeffameera. Yeroo ammaa ummatni Oromoo fi Oromiyaan hawaasa addunyaatiin beekamtii argatanii jiran;

c) Afaan Oromoo: Afaan Oromoo manneen barnootaa keessatti afaan ittiin baratan akkasumas afaan hojii mootummaa biyyoolessaa naannoo Oromiyaa ta’ee jira. Osooma haalli siyaasaa mijataan hin jiraatin, gaazexaaleen, barruuleen adda addaa, asoosamootni fi kitaabilee hedduun afaan kanaan barreeffamanii maxxanfamaa jiru;

d) Aadaa Oromoo: Bifa warraaqsa fakkaatuun aadaan Oromoo bade deebi’ee akka dagaagu taasifamaa jira. Oromiyaa keessatti kabajni ayyaana Irreechaa ayyaana isa guddaa ta’uun beekamee jira. Wantootni sirna bulchiinsa dimokraasii Oromoo – Gadaa sirna guutuu gochuuf hojjatamuu qaban hedduun osuma jiranii, sirnicha deebisanii ijaaruuf tattaaffiin taasifamaa jiru gaarii dha. Uffatni aadaa Oromoo fi nyaatni aadaa Oromoo, Oromiyaa fi Oromiyaa ala bakka adda addaatti bal’inaan gabaa irra oolaa jira;

e) Aartii Oromoo: Indastriin muuziqaa Oromoo ariitiin guddachaa jira. Muuziqaan (sirbi) Oromoo ummata dadammaqsuu fi sosochii qabsoo bilisummaa fi dimokraasiif taasifamu irratti qooda murteessaa ta’e qaba. Gaheen sirba Oromoo, aadaa Oromoo addunyaatti agarsiisuun qooda olaanaa taphate. Indastrii diraamaa, tiyaatirii fi fiilmii Oromoo sirriitti gadi dhaabuun kan hafu yoo ta’es, suuta jajjabaachaa fi karaa guddinaa irra jiru;

f) Ofitti amanamummaa gabbisuu: Dhalootni haaraan irra guddaan maqaa Oromoo baafatanii ittiin waamamu; Oromoo ta’uu isaanitti ni boonu. Eenyummaa ofiin boonuu irratti dhaloota Qubee fi dhaalota durii gidduu garaagarummaa guddaatu mul’ata;

g) Dipilomaasii addunyaa: Baroota hedduuf tattaaffii ABOn sagantaa siyaasaa isaa hawaasa addunyaatti ibsuuf godhe, milkoomina hin qabu ture. Yeroo ammaa kana garuu akeekni siyaasaa ABO fudhatama guddaa argatee; nageenya waaraa Gaanfa Afrikaatti barbaachisuuf mirkana ta’uun hubatamee jira.

Bu’aaleen qabsoon argaman kunneen wareegama hedduutu itti kaffalame. Adeemsa qabsoo waggoota 50 keessatti, gootota Oromoo kuma dhibbootan lakkaawamantu itti dhabame. Elemoo Qilxuu, Taaddasaa Birruu, Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii, Jaarraa Abbaa Gadaa, Badhoo Dachaas, Gadaa Gammadaa, Abboomaa Mitikkuu, Yiggazuu Bantii, Muhee Abdoo, Nadhii Gammadaa, Gammachiis Dhaabaa, Buruysoo Boruu, Milkeessaa Gadaa, Gutamaa Hawaas, Nagaasaa Kumsaa, Guutuu Caalii, Laggasaa Wagiinfaa fi kan maqaan hin tuqamin biroon bilisummaa fi dimokraasii Oromoof jecha hoggantoota olaanaa ABO keessaa kanneen lubbuu itti kaffalanii dha. Ilmaan Oromoo kuma kurnaniin lakkaawwaman, mannen hidhaa adda addaatti adeemsa seeraan ala ta’een reebamaniiru; salphifamaniiru; itti roorrifameera. Oromoonni lakkofsi isaanii kuma hedduun lakkawwaman, lubbuu isaanii jiraachisuuf jecha biyyaa baqatanii biyyoota Ardii Afriikaa, Awurooppaa, Ameerikaa Kaabaa fi bakkee birootti kooluu galan.

Bara 1980 keessa, jilli ABO dirqamaaf gara Moqadishoo deemaa ture, Ogaadeen keessaa bakka Shiniggaa jedhamutti shiftootaan qabamanii ajjeefaman; dhiigaa fi lafee isaaniitiinis tokkummaa Oromoo bara baraan jiraatu mirkaneessanii dabran. Goototni kunneen, Oromoon dirqamee amantaadhaan akka adda bahuu hin dandeenye agarsiisanii lubbuu isaanii itti wareeganii seenaa bara baraan jiraatu dhiigaan barreessan. Goototni kunneen, mallattoo tokkummaa Oromoo ta’anii dhalootaa gara dhalootaatti yaadatamu.

Tattaaffii ABOn bara 1991 fi bara 2018 Impaayera Itoophiyaa dimokraatessuuf taasise daranuu diinni akka dhaabicha dhabamsiisuuf hojjetuuf karaa saaqe. Baroota lamaanuu ABOn loltoota qabsoo bilisummaa fi Qeerroo/Qarree karaa nagaan qabsa’an kumaatamootaan itti dhabe. Akkasuu ta’ee waggoota 50 dabran qabsaa’otni bilisummaa ABO yeroo qabsoo itti dhaabanii fi lubbuu isaanii itti hin wareegne hin turre. Ayyaana hundeeffama ABO wagga 50ffaa yoo ayyaaneeffannu qabsaa’ota Oromoo kanneen maqaan isaanii beekamanii fi hin beekamne hunda yaadachuun ta’a.

Rakkooleen isa mudatan osuma jiranii, hawwii Oromoo bakkaan gahuu – mirga hiree murteeffannaa Oromoo mirkaneessuuf ABOn hoggansa barbaachisu kennuu itti fufee jira. Wayita ayyaana kana kabajuuf qophii taasisaa jirru kanatti, Oromiyaa bakka hedduutti nagaa fi tasgabbiin hin jiru. Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Waraana Mootummaa Paartii Badhaadhinaa jidduutti lola hamaatu deemaa jira. Ummatni nagaan ajjeeffamaa jira; ummatni miliyoona tokko ol ta’u qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’ee jira; akkasumas ummatni kuma kurnootaan lakkaa’amu seeraa ala manneen hidhaa adda addaa keessatti rakkachaa jiru. Hogganootni olaanoo ABO fi qondaalotni gameeyyiin Jaal Abdii Raggaasaa fi Jaal Mikaa’el Booran, miseensota Shanee Gumii, adeemsa seeraa malee waggoota sadiif mana hidhaa keessa jiru. Waajjiraaleen ABO hundi mootummaadhaan akka cufamanitti jiru.
ABOn rakkoolee hamtuu irra gahaa jiru dandamachuu fi cichoominaan hanga hireen murteeffannaa ummata Oromoo mirkanaa’utti dirqama hoggansa irraa eegamu kennuu itti fufa. Haaluma kanaan, ayyaana hundeeffama ABO waggaa 50ffaa kana yoo kabajnu:

• Waraana Oromiyaa fi Itoophiyaa jidduutti deemaa jiru dhaabuun karaa nagaatiin rakkooleen siyaasaa jiran akka furamaniif mootummaa Itoophiyaa fi Paartilee siyaasaa dhimmi ilaallatuu fi mootummaa wajjin jiraniif waamicha goona. ABOn gama isaatiin rakkoolee siyaasaa jiraniif furmaata maayii kennuuf gahee irraa eegamu hunda bahuuf qophii ta’uu beeksisa;

• Gara sirna dimokraasiitti cehuu fi sirna heera biyyaatti deebi’uuf jecha ABOn Mootummaan Cehumsaa Biyyooleessaa Naannoo Oromiyaa akka hundeeffamu ni hojjata;

• Paartilee siyaasaa fi jaarmiyaalee ummataa akeeka siyaasaa fi tarsiimoo walfakkaataa qaban hunda wajjin hariiroo fi tumsa taasisu cimsee itti fufa;

• Haala siyaasa Oromoo caalaatti hubachiisuu fi haqa qabnuuf deggarsa argachuuf jecha ABOn hariiroo hawaasa addunyaa wajjin taasifamu cimsee itti fufa;

• Lammiilee Oromiyaa, qeerroo/qarree, dhiiraa fi dubartii hunda gurmeessee sochoosuun akka mirga isaaniif dhaabbatan, bu’aa qabsoodhaan argame tikfatanii fi akka sirna cunqursaa falman taasisuu itti fufa.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Koree Qindeessituu Ayyaana Hundeeffama ABO Waggaa 50ffaa
Waxabajjii 2023

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *