Wallaggaa Bahaa Aanaa Haroo Limmuutti barsiisota dhaloota qaran mootummaan biyyan bulcha jedhu PPn isin Miseensa WBO ti jechuun miindaa isaanii irraa dhaabanii ykn dhorkanii rakkoof saaxilanii jiru.
Akka kanaan barsiisota Aanaa Haroo Limmuutti miindaan isaanii dhorkame
1 Barsiisaa Alamayyoo Habtee
2 Barsiisaa Getaachoo Tolasaa
3 Barsiisaa Margaa Tasammaa
4 Barsiisaa Masarat Ayyaanaa
5 Barsiisaa Taammiruu Gammadaa
6 B/stuu Maaremaa Ayyaanaa
7 Dabalaa Qanaatee
8 Aagituu Abeetuu
9 Barsiisaa Lammii
10 Mangistuu Nagaash akka jedhaman maddeen naannichaa nuuf dhaamaniiru.
Sababaa tokko malee isin Miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun miindaa barsiisotaa dhorkachuun seeraanis seenaanis kan nama gaafachiisudha.