Guyyaan Afaan dhalootaa (Haadhaa )Idil Addunyaa guutuu addunyaatti kabajamaa jira .
Guyyaan Afaan dhalootaa Idil-addunyaa har’a guutuu addunyaatti mata duree «Barumsi afaan hedduu dhalootaaf utubaa dha» jedhuun kabajamaa jira. Yaadni kun bara 1999 guyyaa Afaan Haadhaa (Mother tongue)Idil-addunyaa kabajuuf kan fudhatame yoo ta’u, waggaa waggaan garaagarummaa afaanii fi aadaa akkasumas itti fayyadama afaanii guddisuuf kabajama.
Haaluma kanaan Caamsaa 16, 2007 Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii murtoo biyyoonni miseensa ta’an afaanota ummatoonni addunyaa itti fayyadaman hunda akka guddifatanii fi tiksan gaafatu raggaasiseera. Yaada walfakkaatu kana irratti hundaa’uun Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbatichaa bara 2008 guyyaa Afaanota Idil-addunyaa akka kabajamu murteesse.
Guyyaan kun garaagarummaa afaanii fi aadaa, akkasumas barnoota afaanota hedduu afaan dhalootaa irratti hundaa’e guddisuuf kan akeekedha.
Dhaabbanni Aadaa Barnootaa, Barnootaa fi Saayinsii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) maqaa gabaabduu UNESCO jedhu beeksise. Afaan dhalootaa, bu’uura afaanota biroo barachuuf ta’e, afaan jalqabaa kan ijoollummaa mana keessatti baratamee fi ammas kan dubbannu agarsiisa. Garuu ragaaleen akka agarsiisanitti magaalota Afrikaa hedduu keessatti ijoolleen afaan dhalootaa isaanii caalaa afaan alagaa kan akka Ingiliffaa ykn Faransaayii dubbachuu filatu jedheera.
Impaayera ItiItiyoophiyaa keessatti Sabaa fi sablammoota afaanota 80 ol dubbatan keessatti rakkoon jiru akkuma biyyoota Afrikaa hedduun afaan biyya isaan garboomsatee dubbatan lammiileen #Itiyoophiyaas hedduun akka Afaan #Amaaraa afaan hojii godhatan dirqisiisamaa turullee yeroo ammaa kanas keessattuu Oromiyaa keessatti magaalotni afaan hojii isaanii afaan Amaaraan tajaajila Kennan manneen barnootaa dhuunfaa muraasa keessattis afaan Oromoon kutaa gadii keessatti akka barnoota tokkootti malee ittiin baratamaa akka hin jirre ragaaleen ni mul’isu